AdSense maali?
Google AdSense waltajjiiwwan beeksisa baay’ee beekamoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa marsariitii beeksisa barbaachisaa ta’e agarsiisuudhaan qabiyyee isaanii maallaqaan akka argatan kan taasisudha. Haa ta’u malee, milkaa’uu fi adabbii irraa fagaachuuf seera AdSense hubachuu fi hordofuun murteessaadha. Biloogiin kun seera ijoo fi muuxannoowwan gaarii kanneen akka walsimannaa mirkaneessuu fi galii AdSense keessan guddisuuf ibsa waliigalaa bal’aa ni kenna.
AdSense sagantaa beeksisa Googlen geggeeffamu yoo ta’u, maxxansitoonni (Content Creators) beeksisa marsariitii isaanii irratti agarsiisuudhaan maallaqa akka argatan kan dandeessisudha. Beeksisni kun qabiyyee marsariitichaa fi fedhii fayyadamtootaa irratti hundaa’uun kan uumamudha. Maxxansitoonni galii kan argatan daawwattoonni beeksisa kana yeroo cuqaasan ykn ilaalan yoo ta’u, kunis abbootii qabeenyaa weebsaayitiidhaaf filannoo bu’aa guddaa argamsiisuu danda’a.
AdSense qabaachuuf Ulaagaalee barbaachisan
AdSensetti makamuuf ulaagaaleen dursaa kanneen armaan gadii guutamuu qabu.
- Umurii Xiqqaa: Akkaawuntii AdSense banachuuf yoo xiqqaate umuriin kee waggaa 18 ta’uu qaba.
- Abbummaa Weebsaayitii: Weebsaayitii beeksisa irratti agarsiisuuf yaadde qabaachuu qabda. Kunis qabiyyee fi haala marsariitichaa irratti to’annoo guutuu qabaachuu dabalata. Kana jechuun ati Admin weebsaayitii sanaa ta’uu qabda.
- Afaan Qabiyyee: Kana jechuun afaan jalqabaa Weebsaayitiin sun ittiin hojjetu jechuudha. Fakkeenyaaf weebsaayitii koo kana https://ifargantech.com yoo fudhanne, afaan jalqabaa inni ittiin hojjetu English dha. Afaan ittiin maxxansaalee qoodnu osoo hin taane, afaan weebsaayitiin keenya ittiin ijaarame jechuudha. Yeroo danuu dargaggoonni keenya Google maxxansaalee Afaan Oromoo irratti hin kaffalu jedhanii yeroo komii kaasan dhagaheera. Kun dogoggora hubannaati malee dhugaa miti. Yeroo ammaa kana Google Publisher Product Afaanota 50 support godha. Link kana gadi cuqaasuun ilaalaa.
- Kanaan ala Bilbila, email fi Postal code qabaachuun dirqama ta’a jechuudha.
Qabiyyeewwan eeyyamamanii fi dhorkaman
Egaa erga weebsaayitiin keenya Adsense waliin walitti hidhamee monetized ta’een booda wantoota qoodnu hundaaf ofeeggachuu qabna. Akkuma miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Facebook waanuma keessa keenya dhufe hunda qooduu hin dandeenyu. Qabiyyee qulqullina olaanaa qabu uumuun immoo hayyama AdSense’f murteessaadha. Walumaagalatti Website irratti maxxansuun waan hayyamamee fi hin hayyamamne kutaa kana jalatti ibsina
1. Qabiyyeewwan Eeyyamaman
- Originality: Qabiyyeen kee orijinaala ta’ee dubbistootaaf gatii kennuu qaba. Kunis barruulee, biloogii, viidiyoo fi kkf of keessatti qabachuu danda’a.
- Meeshaalee Barnootaa fi Odeeffannoo: Qabiyyeen barsiisu ykn odeeffannoo kennu kan akka qajeelfama akkaataa wantootni itti hojjetamuu, barnoota, fi barruulee odeeffannoo kennan ta’uu danda’a.
- Bashannana: Qabiyyeen nama hawwatuu fi bashannansiisaa ta’e, kan akka qaaccessaa, seenaa, fi yaada kennuunis ni eeyyamama
2. Qabiyyeewwan hin eeyyamame
Qabiyyee Ga’eessotaa: Qabiyyeen saalqunnamtii ykn poornoogiraafii ta’e kamiyyuu cimsee dhorkaadha.
- Haasaa Jibbiinsaa fi Jeequmsa: Qabiyyeen jibba, jeequmsa, ykn loogii namoota dhuunfaa ykn garee irratti raawwatamu babal’isu hin hayyamamu.
- Meeshaalee Mirga Waraabbii Qaban: Qabiyyee mirga waraabbii qabu hayyama abbaa qabeenyaa irraa malee fayyadamuun ulaagaa guutuu dhabuu fiduu danda’a. Copyright problem!
- Qabiyyee Nama Dogoggorsuu: Qabiyyeewwan gowwoomsaa, hanna fi saamicha jajjabeessu of keessaa qabu sakatta’amee irra gahamuun Adsense keessaa akka baafamtan gochuu danda’a.
Ulaagaalee Teeknikaa
Ijaarsa weebsaayitii keenyarraa kaasee Ulaagaaleen teeknikaa dhaabbatichi nurraa barbaadu maalidhaa? AdSense waliin ejjennoo gaarii qabaachuuf, marsariitiin keessan ulaagaalee teeknikaa murtaa’an guutuu qaba
1. Diizaayinii Weebsaayitii
- Navigation Fayyadamtootaaf Mijatu: Marsariitiin keessan haala qulqulluu fi qindaa’aa ta’ee fi daawwattoonni odeeffannoo salphaatti akka argatan taasisu qabaachuu qaba.
- Responsive Website: Marsariitiin keessan device garaagaraa, mobaayila dabalatee kan mijatu ta’uu isaa mirkaneessuu qabna. Sababiin isaas tiraafikoonni weebsaayitii keessaa harki guddaan meeshaalee moobaayilaa irraa waan dhufuuf.
2. Qulqullina Qabiyyee
- Meeshaalee Qulqullina Ol’aanaa Qaban: Yeroo hunda qabiyyee qulqullina olaanaa qabu, hawwataa ta’ee fi daawwattoonni akka deebi’an taasisu kaayyeffachuun irratti hojjechuu qabna.
- Regular Updates: Qabiyyee keessan yeroo yeroon fooyyessuudhaan haaraa fi barbaachisaa ta’ee akka turuuf irratti hojjechuun dirqama. Kunis hirmaannaa fayyadamtootaa fi SEO fooyyessuuf fayyada.
Haala Kaa’umsa Beeksisaa
Weebsaayitii keenya keessaa Ads eessatti mul’isuu akka barbaadnu adda baafnee beekuu qabna. Bakka fi akkamitti beeksisa marsariitii keessan irratti akka kaa’aman seera kabajuuf murteessaadha.
Ramaddii Hayyamame
- Mul’achuu: Beeksisni bakka salphaatti mul’atutti garuu fayyadama qabiyyee hin gufanneetti kaa’amuu qaba.
- Garaagarummaa Qabiyyee fi Ads: Beeksisni fayyadamtoota akka hin dogoggorreef qabiyyee kee irraa adda baafamuu qaba. Asxaa ifa ta’e fayyadami, akka “Sponsored” ykn “Ad.”
Ramaddii Hin eeyyamamne
- Pop-Ups: Beeksisa pop-up windows irra kaa’uun hin eeyyamamu. Kunis Fayyadamtoota kan gufachiisuu fi adeemsa dirqamsiisuu kan of keessaa qabuuf.
- Beeksisa Garmalee: Marsariitii keessan irratti beeksisa garmalee hin fe’inaa, kunis qabiyyee irraa hir’isuu fi muuxannoo fayyadamaa gadhee fiduu waan danda’uuf.
Seera Tiraafikaa
Blog yookaan qabiyyeen nuti website keenyarratti feene akkamittiin fayyadamtoota bira gahaa? Inni kun seera tiraafikaa jedhame imammata AdSense keessatti iddoo olaanaatti ilaalama. Maddoota tiraafikaa hubachuun akkaawuntii AdSense keessan eeguuf barbaachisaa dha. Mee isaanis waan akkamiiti?
Maddoota Tiraafikaa Fudhatama qaban
- Tiraafikaa Organic: Tiraafikoonni motora barbaacha (Search engine) irraa karaa beekamaa ta’een dhufu fudhatama qaba. Kana jechuun osoo namoonni domain name keessan ofii isaanii search godhanii seenanii gaariidha. Link ergame irratti cuqaasuun seenuun fudhatama hin qabaatu.
- Tiraafikaa Rifaralaa: Tiraafikoonni marsariitiiwwan beekamoo qabiyyee keessan waliin walqabsiisan irraa dhufus faayidaa qabaachuu danda’a. Kanaaf Content gaarii hojjechuudhaan bakka danuutti akka link godhamtan of taasisaa.
Maddoota Tiraafikaa fudhatama hin qabne
- Tiraafikaa Bituu: Tiraafikaa bitachuu ykn qonna cuqaasuu fayyadamuu irraa fagaadhaa, sababiin isaas gochoonni kun account keessan addaan kutuu fiduu danda’u.
- Manipulating Clicks: Fayyadamtoonni beeksisa akka cuqaasan ykn tooftaa gowwoomsaa fayyadamuun yaada beeksisa akka ol kaasu hin jajjabeessinaa.
Seera AdSense Cabsuun maal fidaa?
Seera Adsense cabsuun akeekkachisa irraa kaasee amma sadarkaa account Adsense keenya cufsiisuutti nu geessisa. Dogoggoroonni sasalphoon amma Akeekkachiisatti kan nu geessisan yoo ta’u, dogoggoroonni gurguddoon immoo account keenya nu dhabsiisuu danda’u. Haa ta’u malee Yoo akkaawuntiin keessan addaan cite murtii kana irratti ol’iyyannoo dhiyeessu dandeessu. Carraa hojiitti deebi’uu keessan guddisuuf dhimmoota addaa AdSensen iyyannoo keessan keessatti kaase furuun murteessaadha.
Cuunfaa
Nama marsariitii isaa bu’a qabeessa ta’een maallaqa argachuu barbaadu kamiifuu seera AdSense hubachuu fi hordofuun barbaachisaa dha. Qajeelfama fi muuxannoowwan gaarii kana hordofuudhaan, akkaawuntii AdSense milkaa’aa uumuu fi galii kee guddisuudhaan daawwattoota keetiif muuxannoo gaarii kennuu dandeessa.
Barreessaan: Ifargan Guddataa


