Nuti akka Warra Kaanii Waaqa hin Liqeeffanne: Dr Zalaalam Abarraa

Hojii aartii dinqisiifachuurraa gara hubachuutti gaafan of ceesisu, hojiiwwan Dr. Zalaalamtu na raaja. Walaloowwan, Abbaa Caalii, Obbo Abbaa Xadaa, Caalii fi Haacaaluu, Waa'ee Piromeetewus, Du'a Gurraacha, waa'ee Diggaa Saaqoo, Fuggisoofi kanneen biroo hubachuuf yaalii godhaan ture. Waa'ee hojiiwwan nama guddaa kanaa barreessuuf garuu onnee argadhee hin beeku.

Abbaa Caalii

Gaafan 'Abbaa Caalii' dhaggeeffadhu, gama tokkoo fagootti qaroomina Kuush keessatti waa'ee 'Horus fi Set' yaadeen, as deebi'ee bakka uummanni jiru hubachuuf daa'ima. Abbaan Caalii buleessa qalbiin gabbatedha. Dur dur... heera yayyabatee, seera lallabatee, waaqaafi lafa walsimsiisee jiraataa ture. Waaqa qaba. Qe'eefi sirna, araddaafi surraa qaba. "Bifa Waaqaa gurraachicha" jedhaanillee

Garuummoo har'a bakka kaleessaa hin jiru. Har'a isaa qofa odoo hin taane, egereen isaas yaaddessaadha. Iddoo inni rafutti egereen isa liqimsuuf hamuummata. Sodaa sanaaf, "Ilma qabdaa Hallaallicha?" jedhaani. Ilma akka abbaa, kan qaamaa odoon taane, kan qalbii qabdaa jedhee gaafata. Yoo sanas dhabde, "Malatteettaa waammoo mala?" jedhee gaafata.

Gama biraatiin, Ijoolleen buleessa kanaa yakkistuudha. Yookaan waliif galtee hin mari'attu, yookin mari'attee waliin galtu. Kana ilaaltee maaliif hin abaartuu? jedheet, akka inni abaaruu kakaasa.

Maaliif jettee hin sookkaatuu?
Mataa keetiin galagalii
Qaama fayyaa Sobii Okkolii
Qaranbulleedhaan daldalii
Waraabessaan waliigalii
Gale jedhan ati dhaqii
Dhaqe jedhan ati galii ...

jedheet,

Seexana haadhoo harma hodhi
Qomashee'rraa ol soqolii

jedha, ni abaara!

Garuummoo eebbisuudha. Qaroomuu, tooftaa baruu, falachuufi addunyaa ammaatti madaquu gorsa. Yoo bara keessatti of hin ijaarre, egeree Abbaa Caaliis, Caaliis inuma liqimsa. Baduu qaccee oolchuuf abaara

Dr. Zalaalam, Kan biraa keessatti Caalii gaafata. Akkamitti Caalii akkamitti gurbaa? ... jedheet waayeffata. Gama tokkoon ilma, ni mararfata. Gama biraatiin ilmi sun akka ilmaa hin taaneefi.

Abbaan Caalii, Caaliin akka inni barate, afaan qaalluu warra Awurooppaa akka beeku, walaabuu(universe) mara akka qorate, yoo haasa'u akka isaan garaa gahuufi afaan qabatanii dinqisiifatan tarreessa. Irratti of gatu, "Sito qaalluu ammaati" jedhuuni.

Rakkoo isaanii mara akka furuuf barsiisani. Ba'aa nurraa fuudha jedhaniitu abdatu. Caaliin garuu akka yaadan hin taaneef, akka gaafa isaan bira jiruus ta'uu dide. Waldhabdeen abbaafi ilmaa kun, ta'ii biyyoota Afrikaa hunda keessatti koloniin booda ta'e fakkaata. Elite fi hawwaasa gidduu qaawwaa uumame akeeka.

Elite hedduun waan gaafa duraa jedhanitti argamuu diduun faallaa ta'ani. Dhaadannoo, fooggaluufi xirqansuun gaafa duraa, gaafa bakka jedhan gahan foolii bishaanii ta'e. Inumaayyuu faallaa

Sanaaf uummanni,

Akka korma saree
Atuu Seera tumtee
Atumtuu Arraabdee

jedhe, Caalii komate.

Gama biraatiin, "Caaliin maal ta'eetu akkas ta'ee? Rakkoo... quufa... wallaalummaa, moo akka baraa... luugama addunyaatu gara ofiitti fudhatee?" jedhee uummanis hin gaafanne. Ni komate malee!

Abbaan Caalii, Caaliif aariis, mararfannaas ni qaba. Akka yaade hin taaneef ni abaara. Akka hin banneef immoo, deebi'een sossoba. Cabseet dhidhiiba. Dhiigseetu yaala,

...Waanan kana jedheef
Caaliikoo kormakoo
Caalii morma lawwee
An jibbakeef miti
Bulchaa alagaarra
Bittaa lammiin hawwe...

jedhaani.

Caaliin abbaa Caaliif orma miti, ilmas miti!

Muddamni abbaa Caalii, sa'a ibidda dhaleen wal fakkaata. Biyya keenya keessatti lameenuu waliin waggootaaf deemu. Walirraas hin galani. Waliinis hin galani.

Dr. Zalaalam, ogummichaatti yaada uummataa, haala addunyaa har'aa, waan kaleessafi boruu qirqaabee oofa. Ammoo ogummicharratti marraagoma. Irratti of waaqomsa. Akka fedhetti meelcheet, gara barbaadetti dhikkifachiisa.

Hojii isaanii irratti qorannoo hedduun dalagamuu qaba. Walaloon tokkichi waan hedduu qaba. Seenaa, sirna, falaasama, rakkoo, abdii, fala, fi haala addunyaa qaba. Ammoo walaloo afaan Oromoo keessatti bifiyyeen walaloo isaanii sirriitti qoratamee dhalootaaf dhiyaachuu qaba.

Ogeeyyiin dhimma kanarratti hojjettan itti yaadaa!

Har'a luugama hiikkadheera. Waan xiqqoo irraa jechuuf malee hojiin isaanii galaana. Daakamee hin cehamu, waraabamee hin dhumu. Hanga hubannuun ol gadi fagoodha. Kana yaaduman barreesse malee qaaccessa miti!

Barreessaan: Galataa Tsaggaa Naggasaa

Share

3 thoughts on “Nuti akka Warra Kaanii Waaqa hin Liqeeffanne: Dr Zalaalam Abarraa”

  1. Galataa tsaggaa galaatoomii qalaamnii kee Haa mirgiisuu dhugaa lafaa jirudha kun walaaloon zalaalaam abarraa kanaa caala ol baheemul,aachuutii qabaa ilaalcha jedhuun qaba aniiis

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Language
Scroll to Top