Nama borii ta’uuf kaadhimamuun jireenya fuuldura keenyaaf murteessaadha. Jechi ‘Kaadhimamuu’ jedhu kun ‘seerratamuu’, ‘abdatamuu’, ‘waadaa galuu’ jechuutti hiikamuu danda’a. Misirroon lamaan wal kaadhimmatan waliif jiraatu. Inni isheef jiraata. Maal naan jetti jedha. Waan ishee aarsuu fi miidhu irraa of eeggata. Dubbii arraba isaa, qoosaa hin taane irraa, deemsa hin taane irraa of eega. Isheenis akkasuma isaaf jiraatti. Isaaf of eeggatti. Deemsaa fi hojii hin taane irraa of eeggatti. Kun kan ta’uuf jireenya isaanii boriif murteessaa waan ta’eefidha. Walsodaachuu fi walkabajuun osoo kaadhimummaan jiranii yoo hin jiraanne gaafa walfuudhan yookaan gaa’ila dhaabbatan hin argamu. Kanaaf, kaadhimamuu jechuun jireenya isaanii boriif har’a jiraachuu jechuudha.

Akkuma kanaa, nama borii ta’uuf kaadhimamuu jechuun ulfina boriif, guddina boriif, seenaa boriif, dhaloota boriif fi kaayyoo boriif kaadhimamanii yookaan waadaa seenanii har’a jiraachuu jechuudha. Jireenya gaarii borii keenyaaf har’a cimsinee of qopheessuu qabna. Kana keessatti deemsa hin taanerraa, haasaa, hojii hin taanerraa fi salphinarraa of eegnee fuulleffannaa/xiyyeeffannaa keenya borii keenyarra kaawwannee socho’uu qabna. Namni baay’een waan xiqqoof jedhee waan guddaa dhabe. Waan xiqqootu gaarii fakkaatee jireenya guddaa fi ulfina qabeessa borii irraa nama adda baafti.
Yaadni kun waadaa Leencaa fi Waraabessaa fakkaata. Leencaa fi Waraabessatu guyyaa tokko walargani. Leenci, Waraabessaan maal ati hamma kana geessee hanga yoomiitti du’aa nyaatta? Jedheeni. Humnaa fi dandeettii akkasii utuu qabduu fayyaa qabattee nyaachuu dhiiftee du’aa nyaattaa jedheenii lole. Kana irratti Waraabessis dhugumayyuu ani maaliifan akkas hin godhuu jedhee “Ani har’aa kaasee lammata du’aa hin nyaadhu. Anis si wajjin adeemeen fayyaa qabadhee nyaadha” jedhee waadaa galeef. Kanumaan haasaa isaanii xumuranii walii wajjin nyaata barbaaddachuu deemsa jalqabani. Isaanis waliin waan nyaatan adamsanii qabatanii fayyaa nyaachuf deemani.

Erga takka adeemanii booda Farda duutee goodaa bakkee ciiftu tokko argani. Akkuma waadaa isaanii jedhee Leenci bira darbe. Waraabessi garuu ilaalee darbuu dadhabee Leencaan maaliif waan kana nyaannee bira hin darbinuu? Reefuma du’e fakkaata humtuu itti hin buune. Isumaayyuu qofaa keenya jirra. Maaliif carraa kanatti fayyadamnee kan biraaf (fayyaaf) hin deemnuu jedheen. Leenci maal amma nuti du’aa hin nyaannu jennee waadaa waliif gallee hin dhufnee jedheeni. Waraabessi bira darbuu yaadeetu waadaan sun haa badu malee carraa kana of dabarsee booda yoon waanan nyaadhu dhabehoo jedhee Farda du’aa nyaachuutti hafe. Leenci duris du’aa nyaatee hin beeku waan ta’eef bira darbee erga takka adeemee booda Bosonuu qabatee nyaate.
Ergaa Seeneffama Kanaa
Egaa seeneffama kanarraa waan guddaa barachuu dandeenya. Innis, ulfinaa fi kabajatti ba’uuf waadaa eeguun gaarii akka ta’edha. Wanti biraan, waan xinnoof jecha waan guddaa dhabuun akka jiru. Waraabessi du’aa Fardaaf jedhee Bosonuu fayyaa dhabe. Of eeguu fi ejjennoo sirriirra dhaabbachuu dadhabuun akka inni karaatti nama hambisu hubanna. Kaayyoo guddaa dhalanneef dhiifnee raqa karaarra jirutti goruu dhiisuun kaadhimamummaa keenya seeraan haa eeggannu. Kanaaf, jireenya guddaa boriif har’a of eegnee ejjennoo sirriirra dhaabbannee jiraachuun baay’ee murteessaadha. Eebba xiqqoof jennee eebba guddaa dhabuu, maallaqa, guddina, milkaa’ina xiqqoof jennee isa guddaa dhabuun gaarii miti. Nama borii jechuun kan bor dhimma baasu, seenaa galmeessu, dhalootaaf ta’uu fi abdii biyyaa jechuudha. Kanumaaf, kan boriif kaadhimamanii jiraachuun har’a of eeguun ciminaan hojjechuu fi dhaabbachuun murteessaadha.
Barreessaa: Hambisaa Sanbatoo (MA, Lecturer)
Dhaamsa: Dhiifama isiniin jechaa namoonni qabiyyee weebsaayitii keenyaa akkuma jiruun copy gochuun social media keessanirratti maxxansitan osoo Link page iddoo irraa fudhattanii wajjin maxxansitanii hedduu nutti tola. Yaada keenya hubattanii nu tumsitu jennee hubanna. Barruu miidhagduu namoonni website irraa dubbisuu qabu jettanii yaaddan yoo jiraate immoo karaa telegram keenyaa nuuf ergaa. Telegram.



Galatoomaa! Barruu barumsa guddaa qabu nuuf qooddan. Akkasumatti itti fufaa!