Hamilee Guddaa Qabaachuu

Yeroo kamittiyyuu hamilee ofii kennuu baruu qabda. Hamileen soora sammuuti human jijjiiramaati. Namni hamileen isaa yoo cabe waan tokkoyyuu hojjechuu hin danda’u. Namni hamileen cabee fi namni dhukkubsatee du’atti deemaa jiru tokko. Sababni isaa lamaan isaaniiyyuu abdii waan hin qabneef. Namnimmoo abdii hin qabu taanaan jiraachuu hin danda’u. Yoo abdii qabaatan nyaatanii dhuganii itti gammaduu fi boqochuun danda’ama.Yoo abdii qabaate kaayyoo isaa galmaan ga’uuf karaa deemuu hundatti humna argataa deema.

Waan tokko hubachuu qabna. Innis, namni kan inni ofiin of ajjeesu kanarraa ka’eeti. Kan inni utuu ilaaluu funyoo/haadaan of hudhuuf; qoricha/summii nama ajjesu kan dhuguuf; kan inni rasaasaan of ajjeesuuf yoo abdi qabu hunda fixedha. Namni battala abdii kutate sanatti filannoo biraa yeroo dhabu sanatti du’a filateetu of ajjeesa. Abdii hin qabu taanaan namni nyaata qophaa’e gadi dhufe yookaan maaddii dhiyaate irraa nyaachuu dadhaba. Kanaaf, hamilee ofii kennuu keessatti abdii qabaachuun murteessaadha.

Hamileen nyaata gaarii nyaachuu irraa hin argamu.Dhugaatii filattee dhuguu irraa hin argamu. Hamilee sirrii fi cimaan ta’e kan argamu inni jalqabaa kaayyoo kee yookaan lafa ga’uu yaadde irraa argama. Innis, lafti ati har’a jirtu siif hin mijatu. Siif hin taane, yoo nyaattes ta’ee, yoo dhugdes, yoo kolfitee taphattes boqonnaa sirrii hin argattu ta’a. Garuu lafti ati ga’uuf yaaddu sun yoo cimtee ciniinnatte bira geessee gammachuu asii dhabde hunda achirraa argatta.

Lafa ati ilaalaa adeemtu sun siif lafa sirriidha. Bakka itti boqottu bakka itti aara galfattu fi gammachuu guddaa irraa argattudha. Hamma atii fi lafa ati ga’uu qabduun walargattutti boqonnaa hin qabdu. Tarii yeroon lafa gahuu qabdu jedhee irra deddeebi’ee lafa….lafa… jedhu yoona ardii mijattuu, biyya filatamtuu yookaan magaalaa jallatamtuu fi bu’uuraalee misoomaan guutuu taate ta’innaa jettanii akka hin yaanne.

Namoonni tokko tokko biyya isaanii keessa taa’anii yoo mijachuufii dide hangan ardiilee kanneen akka Ameerikaa, Awurooppaa, Eshiyaa fi biyyoota kanneen akka Kanaadaa, Chaayinaa, Jarmanii, Faransaayii, Jaappaanii fi kkf hamman dhaqutti hin boqodhu jedhu. Kun dogoggoradha. Dogoggora keessaayyuu dogoggora guddaadha. Sababni isaa kaayyoo fi dhimmi ijoo ati uumamteef akka ati ardii fi ardii, biyyaa fi biyya, magaalaa fi magaalaa, gandaa fi ganda lakkooftuuf miti.

Akka ati haala jireenya kee mijeeffattee teessu qofaaf hin dhalanne. Kan ati uumamteef inni guddaan akka ati wanta seena-qabeessa fi dhalootaaf bu’aa buusu hojjettuufidha. Wanti ati uumamteef wanta guddaa eenyuyyuu hojjechuu hin dandeenye, garuu ati qofti hojjechuu dandeessutu si keessa jira. Isa kana galmaan gahuufidha kan ati har’a miidhamaa deemtuuf.

Kan utuu nyaattuu akka mataa harmaa gadi adeemtuuf, mataan harmaa gadi malee ol hin adeemu. Guddachaa deema osoo hin taane gadi deemaa deema. Kanaaf, atis har’a kan ati yoo nyaattes, nyaachuu dhiiftes, yoo dhugdee dhuguu baattes jijjiirama qaamaa fiduu hin dandeenyeef, yeroo hundumaa dalachaa’aa, huuqqataa/qal’ataa yookaan dhukkubsataa kan si godhu kaayyoo kanadha. Egaa kanaaf jireenyi sitti hadhaa’uu danda.a. Isa kana keessatti ati hamilee guutuu qabaachuu qabda. Haalli ati har’a keessa jirtu, bakki ati jirtu magaalaa bareedaa yookaan baadiyyaa hin mijanne yoo ta’eyyuu ati iddoo irratti beekamtuu fi waan hojjettee ittiin beekamtu bira ni geessa.

Akkuma oliitti dubbanne hamileen wanta biraa irraa hin argattu. Kan ati irraa argattu garuu suma mataa kee irraati. Sitti tolus badus of abdadhu. Siif mijatus mijachuu baatus bakkichaa fi haalicha keessa baatee guddattee nama keessaa nama ta’uuf hamilee ofitti hori. Mammaksi Oromoo tokko “Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa” jedha. Mammaksi Oromoo hima gabaabduu fi jechoota muraasaa kun ergaa guddaadhaan ichimameetu jira. Ati of cabsitee yookaan gadi of qabdee taanaan namni si utubu tokko akka hin jirre beekuu qabda.

Yeroo sana kan dhagaa fi jirma sitti guuree si ajjeesuuf, si awwaaluuf, karaatti si hambisuuf sitti fiigu malee kan si oolchu fi si gargaaruuf sitti fiigu tokkoyyuu hin argattu. “Jirma jigetti Kottoon/ Doomaan sagali” jedha Oromoon yeroo mammaaku. Wantoota kana beektee ati karaa ofitti baasuu hin qabdu. “Karaa qubni seene harki seena” jedhama. Kanaaf karaa xiqqoo ati ofitti baafteen harkii fi jechi namaa baay’ee kan hamilee kee cabsuu fi karaatti si hambisuu sitti baay’ata. Kana keessaa ba’uun isaa immoo humnaa fi yeroo guddaa si baasisa. Kana keessaa ba’uuf humnaa fi yeroo kee fixuurra immoo dursitee irraa of eeguu fi of hambisuu qabda.

Ati utuu hin durfamiin dursi. Yeroo kamiyyuu ani cimaadha. Nan danda’as, nan ga’as ofiin jedhi. Rakkinnii fi qorumsi/ dhiibbaa ani har’a keessa jiru kun immoo ni darba ofiin jedhi. Rakkina sitti dhufu hundumaa salphisii ilaali. Kun waan baay’eedhaaf si gargaara. Fakkeenyaaf, namni gaafa kosorruun waraante kulkulfatte gaafa hakuukkuun/hagamsi waraanu immoo akkam ta’a? Ni du’a ta’a. Kana jechuun namni rakkina xinnoo, jecha xinnoo, dhukkuba xinnoon isa mudate guddisee ilaalu wanti guddaan yoo isatti dhufe immoo baachuu hin danda’u. Kana baachuu dadhabee du’a jechuudha. Kun immoo galmaan isa gaha osoo hin taane karaatti isa hambisa jechuudha. Garuu faallaa kanaati kan ta’uu qabu. Namni gaafa waan xinnoon isa mudate ciniinnatee obsee dhokfate gaafa rakkinnii fi dhiphinni guddaan isa mudatu salphiseetu akka waan xinnootti fudhata. Mudannoo isaas yeroo himatu waan xinnoodha jedheetu himata jechuudha. Ati wanta guddaaf nama eegamu ta’uukee of beektee wanta huubaa fi horco’ii funaantee itti hin dhiphatiin. Mataa kee itti hin naannessiin. Gatii bira darbi. Kun hundi waan lama sirratti hojjetu.

1. Yeroo kee fixu

Kana yeroo jennu yeroo ati hojii guddaa hojjechuu qabdutti ati isa si mudate sana moo’achuuf jettee yeroo kee fixxa. Kun immoo hamma malee jireenya keetti gufuu ta’a. Sababni isaas yeroo isa jijjiirraa fi maallaqaan yookaan karaa kamiin illee argachuu hin dandeenye itti balleessita waan ta’eef jechuudha.

2. Leenjisee bilcheessee si baasa

Gama kanaan immoo yoo ilaalle leenjii humna waraanaa caalaa leenjisee si baasa. Namni kaayyoo fi karoora isaaf jedhee miidhama guddaa keessa darbe haalaa fi bakka kamittiyyuu hin moo’amu. Ni moo’a malee. Hin durfamu ni dursa malee. Kanaaf haallii fi taateewwan jireenya har’aa nuti keessa jirru nu ga’oomsanii nu baasuuf humna guddaa qabu. Nuufis hamilee guddaa kenna.

Sibiilli akkuma waa hojjechuuf qaramuu barbaachisu, namnis waa hojjechuuf hamilee isa barbaachisa.

Dorgomtoota atileetii, kubbaa miilaa yookaan saaphanaa fi kkf kamillee kan hamileen barbaachisuuf humna argatu. Waan dorgomaa jiranitti osoo dadhabbiin itti hin dhaga’amiin moo’achuu danda’u. Namni jalqaba hamileen isaa cabnaan moo’amuun isaa salphaadha. Moo’uus, moosisuus hin danda’u. Qotiyyoon qonnaa qotu akka nuti maqaa isaa dhoofnee isa faarsinu barbaada. Yeroo sana hamilee argateetu qota. Dadhabbiinis itti hin dhagahamu. Erga qotiyyoon qonna qotu akkas hamilee barbaadee dhalli namaa immoo hammam guddisee hamilee jajjabinaa haa barbaaduree. Kana jechuun hamilee guddaan hojii guddaa nama hojjechiisa jechuudha. Kanaaf hamilee cimaa moo’achuu danda’u qabaadhu. Galma yaaddee bira ni geessa.

Waan guddaa hawwita taanaan rakkinaa fi kufaatii sitti dhufu dandeessee darbuun dirqama.

Share

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Language
Scroll to Top