Dogoggora koo naaf Sirreessaa

Yeroo tokko barataa fakkii kaasuun dandeettii ajaayibaa qabu tokkotu akka namoonni fakkii inni kaasutti yaada kennanii isa jabeessaniif yaade. Fakkii kaase keessaas tokko fuudhee bakka namoonni baayinaan arganitti fannisuun akkas jedhee irratti barreesse: “fakkii kana irratti bakka ani dogoggore yoo argitan halluu gurraacha itti dibaa” jedhee dibduu fi halluu gurraacha fakkii sana waliin kaa’e.

Akkas godhee gara galgalaa fakkii isaa sana yommuu dhaqee fuudhee ilaalu, fakkii inni halluu bareedaadhaan bareechee kaase amma halluu gurraachaan booxamee bakki hafe hin jiru. Bakka hundumaarra halluu gurraacha dibanii balleessaniiru. Hundumtuu bakka dogoggora jedhee yaadutti halluu gurraacha dibee bira darbe.

Barataan sunis yommuu kana arge baay’ee aare. Namoonni baay’een suuraa isaa halluu gurraachaan balleessuun isaanii akka waan fakkii inni kaase dogoggora hamma sana qabuutti hubate. Barsiisaan isaas miira barataa kanaa hubachuudhaan jajjabeessuu yaale.

Itti fufees barsiisaan isaa kun gorsa tokko itti hime. Amma immoo faallaa isa duraa akka namoonni bakka dogoggora fakkichaa sirreessaniif akka baratichi gaafachuu qabu itti hime. Haaluma kanaan, baratichis fakkii kaase kan biroo keessaa tokko fuudhee, “namni dogoggora fakkii kanarratti arge halluu bareedaadhaan haa sirreessu” jedhee barreessuun halluu gosa garaa garaa fi dibduu halluu bira kaa’eefii achii deeme.

Kana godhee gara galgalaa bakka fakkicha akka sirreessaniif kaa’e yommuu deemu, fakkiin isaa akkuma inni kaa’etti jira.

Halluuwwan akka namoonni dogoggora isaa barbaadanii ittiin sirreessaniif kaa’ellee itti hin bu’amne. Baratichi ammas wanti ta’e galuufii didnaan fakkii sana fudhatee gara barsiisaa isaatti deebi’ee, namni fakkii sana sirreessuuf yaale akka hin jirre itti hime.

Barsiisaan isaas akkas jedhe, “hojii namaa keessa dogoggora barbaaduun homaa nama hin dhibu. Wanti ulfaataan garuu dogoggora namaa sirreessuudha. Kanaaf namoonni fakkiin kee dogoggora akka qabu himan namoota dogoggoricha sirreessan caalaa baay’atan” ittiin jedhe.

Eeyyee, namoonni eenyummaa kee ibsuuf, si ceepha’uuf, akkasumas akka ati sirrii hin taane sitti himuuf baay’ee ariifatu. Dogoggora keerraa si sirreessuun eenyummaa kee qabattee akka ati daandii qajeelaarra jiraattuuf kan si hubachiisu garuu muraasa. Kanaafuu, yoo namoonni mudaa kee barbaadanii eenyummaa keetti ibsa hin taane kennan hin dhiphatin. Namoonni ilaalchi isaanii sirrii hin taane, waan hundumaatu sirrii akka hin taane itti fakkaata.

Isaan utuu ati akkuma barataa fakkii kaasu sanaa ‘bakka mudaa koo yoo argitan naaf sirreessaa’ jettee gaafattee dandeettii isaa hin qaban ta’a. Namootni dogoggora barbaadan tokko tokko waan gaarii ta’e arguuf iji isanii salphaatti hin banamuuf.

Warri mudaa namaa lakkaa’aa oolan kun namoota dogoggora ofii isaanii arguu hin dandeenye fa’i. Isaaniin ‘taa’anii quba namatti qabuu caalaa hojii salphaan hin jiru’ jedhiitii kaayyoo kee ciminaan itti jabaadhu.

Kan barreesse: Shuumii Abarraa Gammachuuti

Share

2 thoughts on “Dogoggora koo naaf Sirreessaa”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Language
Scroll to Top