Adolf Hitler dhalataa Oostriyaa fi lammii Jaarmaanii kan ta’ee fi polotikaa irratti nama bal'inaan beekkamu dha. Partii NAZI hoogganuun akkasumas ajjeechaa cimaa warroota ayhuudii irrattii geessiseen beekkama. Yeroo sanatti warroota ayhuudii miilyoona jaha ajjeesiseera. Sababa kanarraan kan ka’e xiqqaa qabee hanga guddaa addunyaan guutuun keessattuu warroonni ayhuudii maqaa isaa yoo dhagahan onneen isaanii akka nama maaraatoonii fiigetti dhahata. Namni kun jinni ykn seexanaa miti. Hitler nama lammii Jarmanii ejjannoo fudhateef duubatti hin deebine dha. Anas seenaa namicha kana barreessuuf kan na kakaasee kitaabota hedduu irratti seenaa namoota waan gaarii hojjatan qofti waan gadhiifamuufi dha.

Hitler Ebla 20, 1889, Oostriyaaa keesstti iddoo ‘braunau am inn’ jedhamutti addunyaa luka tokkoon dhaabuuf namni jiru kun dhalate. Haati isaa ‘Klara Potzl’ fi abbaan isaa ‘Alois Hitler’ dha. Seenaan tokko tokko akka ibsuttii haati isaa isa garaa baasuuf mana yaalaa deemtee garuu doktorichatu dhoorkeen malee! Hitler yeroo ijoollummaa isaatti abbaa isaa fi barsiisota mana barumsaa keessa jiran waliin yeroo baayyee wal dhabaa ture. Inumaayyuu sababa abbaan dhiibbaa isa irraan gaheen boodarra akkas ta’e jedhu. Dabalataan wanti nama ajaa’ibsiisu immoo Hitler waggaa 8tti barumsa faarfannaa mana amantaa kaatolikaa keessatti fudhataa akka turee fi irra darbees luba (qeesii) akka tahuuf kaadhimamee ture; innis abba amantaa tahuufis abjuu guddaa qaba ture.

Akkuma namoota Oostriyaa Jarman biroo yaada jaarmaanummaa ykn isa ‘nationalist’ jedhamu umriii dargaggummaa isaatti akka eegale dubbatama. Innis faaruu ostriyaa faarsuu caalaa kan ‘deutschlandlied’ jedhu kan warra jaarmaanii hiriyyoota isaa waliin faarsaa ture.
Abban hitleer ‘alois’ ammajjii 3,1903 tasa yommuu du’u, akkasumas harmeen akka lubbuuttii isa jaalattu isaa waggaa 18 jirutti muddee 21,1907 sababa kaansarii harmaatiin addunyaa kanarraa boqotteetti. Sababa gaddisiisa kanarraaan kan ka’e hitleer rakkoo qarshii fi mana keessa jiraatuyyuu dhabuun rakkachaa ture. Innis jiruu kana injifachuuf barumsa fakkii waan barateeruuf fakkiiwwan adda addaa kaasuun gurguraa of jiraachisaa ture.

Jibbiinsa warra seemii (ayhuudotaa) akka qabaatuu wanti isa kakaasee irratti wal dhabdeen hayyoota giddutti jiraatus garuu yaadota ka’an keessaa tokko akka jedhutti namichi tokko yaada kana naannawa inni jiraatutti babaldhisaa ture innis sana booda yaada namicha kanaa akka fudhatee himama; garuu daran jibbiinsa isaaniif qabu kan dabale erga jaarman waraana addunyaa tokkoffaa irratti injifatamteen booda ture.
Paartii NAZI keessa kan gale bara 1921 ture. Ammajjii 30, 1933 chaansilara ta’uun akkasumas bara 1933 bitootessa keessa gara aangootti ol ba’eera. Innis sadarka kana bira ga’uuf xaarii hedduu taasisee ture; mana hidhaa keessas ture.
Hagayya 22, 1939 Adoolf Hitler waraana ofii qopheessun loltoota isaatti Pooland weeraruuf akka ta’e fi qophii akka taasisan dhaamsa dabarse. Sana booda fulbaana 1, 1939 Pooland weeraruun lixa Poolaandii of harkatti galfateera. Sana boodas Faransaayii fi Inglaand fulbaana 3 irratti waraana jaarman irratti labsaniiru. Weerarri jaarmanii kunis waraana addunyaa lammaffaa namoota baayyee fi qabeenya hedduu mancaaseef sababa guddaa ta’eera.
Hitler weerara kana booda biyyoota hedduu weeraruni fi humnaan qabachuu itti fuufe. Akka natti fakkaatuttii yaadni isaa akka Napoliyoon Bonaapoortee yaale sana Awurooppa tokko godhuuf ture. Jalqabarrattis weerarri inni taasisuu kun baayyee sodaachisaa ture.
Jaappaan buufata doonii Ameerikaa ‘Pearl Harbor’ ‘Hawaii’ keessatti argamu erga rukutteen booda jaarmanis guyyaa afur booda waraana USA irratti labsitee. Dabalataan waraana sooviyeet irratti bane boodarratti akka inni dadhabu isa taasisee. Yeroon booda Hitler daangaa baldhaa inni qabatee ture humnoota biriteenii kan USA deeggaramtuu injifannoo irraa fudhatameen dadhabaa dhufuu eegale.
Ebla 23, 1945 humni biritish isa raayyaa diimaa (red army) jedhamu magaala guddoo jaarman beerliin to’achuun akka hitleer lammata iddoo jiruu hin kaanetti kuffistee. Weerara kana booda namitti ‘Eva Brown’ jedhamtu waliin Ebla 28-29 gidduuttii cidha geggeesseera. Garuu wanti isa gaddisiisu tokko mudate; innis Itaalii fi jaarman weeraramuu ishee dhagahuu isaati, innis sana booda injifatamuu koo dhagahuu irra kan of ajjeesee wayya jechuun qawwee qabateerun of dhaheeti of ajjeeseera.
Hitler jireenya dhuunfaa isaa haadha manaa amma fuudhe tana ’eva praun’ wajjiin kan wal barate bara 1929 yommuu tahu garuu isaan ebla 29, 1945 kan wal fuudhan ta’us ganama sana lachaniyyuu of ajjeesanii argamaniiru.
Wanta isaa osoo hin dubbatin bira darbuu hin barbaadne tokko hitleer nama akkasittii ajjeesisus mirga bineensotaaf baayyee falmuun beekkama! Namaaf jaalala kan hin qabne akkamitti bineensota jaalate? Jettanii yoo na gaafattan deebiin kiyya ‘time travel’ godhaatii Hitler gaafadhaa ta’a.
Maddi barruu kanaa kitaaba bifa soft copy'n qophaa'e kan KANA BEEKTUU? Jedhu kan Biiniyaam daani'eel fi Lammii Misagaanatiin barreeffame fuula 21 - 23 irraadha.


