Maanguddoo siree dhukkubsattoonni irra ciisanirra ciisee yaalamaa jiru tokkotu, Dookteera isaatiin, “Hin yaadda’iin; du’uuf jechaa akkan jiru beeka. Rifeensakoo ilaali; addaataniiru. Bubbuqqaa'aniirus. Gogaan qaama kootii, shuntuureera. Bareedinni akka daraaraa keellootti nagateera. Dargaggummaan nigodaane. Umuriidhaan lafa guureera. Qoodan lafa kanarraa qabu goolabuuttin jira. Ati garuu yeroo kanatti bifa, humna, yeroofi umurii qabda. Baran jiraadhe keessatti jireenyarraa waan baay’ee baradheera. Waanan jireenyarraa baradhe keeessaan, waan sifayyadu sitti hima.
Yeroo umuriinkoo waggaa 10noota keessa ture addunyaan akka waan kankoo qofa taateettin dhiphina malee keessa jiraadha. Yeeroo umuriinkoo waggaa 15 keessa guututti, addunyaa kana bulchuun barbaade. Nama guddaa addunyaan kun qabdu keessaa tokko ta'uun barbaade. Yeroo umuriinkoo dabalee waggaa 20moota keessa guutetti nama hunda caalaatti dureessa namaa ta'uun barbaade. Umuriinkoo dabalee waggaa 25tti keessa yeroon guutetti fedhaafi miira jaalala argachuu, Hawwii garaa kootii kanas guuttachuun beela'e. Fedhii kanarraa kan ka'e, gara dubartootaa ilaaluun roora'uun baay'ise.
Ijoollummaan nagatee, dargaggumnis narraa godaanee, yeroo umuriinkoo waggaa 40 keessa guutetti, nama nama hundumaa gargaaru ta'uun hawwe. Yeroo baay'ee waan baay'een barbaade. Wantoota kana hunda caalaatti garuu gammachuu argachuun caalchisee barbaade. Karaa gammachuun ittiin argamu keessaa hundarra gaarii kan ta'e, “Namoota kaan dhaggeeffachuudha!” Amantii jedhuttin seene. Yaadichatti walii galeen itti jiraadhe.
Barnootaaf jecha yeroon Yuunivarsiitii seenetti fedhiifi filannoo garaakoo kan ta'e, gosa barnoota Zoologyn barachuu barbaade. Garuu namni na beeku hundi, “Injinarii guddaa taata” naan jechuun “Injinariingii barachuu akkan qabu!” nagorse. Fedhiifi filannoo garaa kootii kufaa taasiseen, Zoology barachuurraa gara Injineriingii barachuutti yaadakoo naannesse.
Barreeffamoota kanas jaallattanii dubbisuu dandeessu.
Dhumarratti garuu haala nama gaddisiisuun, namoota akkas godhi naan jechaa turan sana keessaa nama tokko nama kaffaltii barnootaa naaf kaffalu dhabuun, waggaa sadaffaatti barnootakoo addaan kutee gadi dhiisee yeroon ba'u, warri kaleessa, “Injinarii barachuu qabda!” jechuun nagorsaa turan deebi'anii " Ati Zoology barachuu qabda turte" naan jedhan!
Yeroo umuriinkoo waggaa 28 kessa guututti namni nabeeku hundi, “Fuudhuu qabda!” jechuun haati manaa akka na barbaachistutti na amansiisan. Dubbii isaanii fudhadheen gaahilatti seene. Turtii waggoota muraasaan booda, namicha ollaakoo wajjin utuu ejjituun qabadhe. Balleessaa kanaanis qofaatti nagattee, ijoolleekoo fudhachuun manaa na baqatte. Amma kunoo akkuma ati argitu, kopha jireessaafi fira dhabeesss namaa ta'ee utuun jiraadhuun du'aa jira.
Bara jireenyakoo keessatti dogoggorri guddaan ani raawwadhe, humniifi yeroonkoo erga dhumee, qarqara du'aafi gulantaa dhumarratti reefuu naaf gale. Of-dhaggeeffachuun dide. Yaadaafi fedhii ofiikoo tuffachuun namoota biroo dhaggeeffachuurrattin yerookoo goolabe. Isaan kaleessa jireenyakoo keessa seenaa turan har'a kunoo nabira hin jiran. Addunyaa mataa isaanii keessa jiru. Animmoo qofaa kooti. Qofaakoon gara boolla du'aatti adeemaa jira. Namoota dhaggeeffachuun baay'ee gaariidha. Gorsa namoota biroo barbaaduunis ogummaadha. Garuu of-tuffachuufi of-dhaggeeffachuu dadhabuun balaa guddaa qaba. Diina gammachuufi jireenya keenyaati. Onnee ofiitiif xiyyeeffannaa kennuu dhabuun, dhukkuba qoricha hinqabne akka qabu siif himuun barbaada. Utuu yeroo qabduu dhugaa kana hubachuu yoo dadhabde, gaaf tokko dhugicha hubattee, gaabbiin qubakee ciniinuu akka maltu siif himuun barbaada!” jechuun yaada isaa goolabe.
Hanga jiraanne keessatti hammam of-dhageeffanne. Kaayyoo garaa keenyaa faana dhayuun hammamis qaxxisa jireenyaa qaxxisne? Dubbiifi gorsa namootaatiin godoo kaayyoo meeqan keenyatu diige? Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti, akkas godhi; kana raawwadhuun yaada namootaa galaanadha. Qarqara hulaa jireenyaa tokkorra yeroo geenyu garuu, eessa buutee faana miila isaanii of-biraa dhabna.
Barreessaan: Gammadaa Darajjee Dheeressaa


