DeepFake AI beektuu? Mee gaaffiiwwan armaan gadii caqasaa.
- Osoo nama jaalattan yookan ofii keessan video Jibbisiisaa wayii, kanneen akka p*rnography fi kkf keessatti argitanii maal gootu?
- Osoo yakka isin hin hojjenne tokkorratti himatni isinirratti banamee, garuu ragaa Video osoo isin yakka hojjettanii isinitti dhiyeessanii, ofii keessan osoo yakka hojjechaa jirtanii of agartanii maal gootu?
- Osoo isin waan akkasii hin raawwatiin ragaa sagalee keessanii osoo isin waan yakka ta’e dubbattanii isinitti fidanii seeratti isin dhiyeesanii maal gootu?
- Osoo firri keessan kan kanaan dura boqotee jiru video call isiniif bilbilee sagalee isaatiin akkuma waan lubbuun jiruutti isinitti dubbatee maal gootuu?
Gaaffiiwwan armaan oliitti kaafne kunneen fakkeenya ta'u jenneetu malee wantootni kanaan olitti rakkisoo ta'an yeroo ammaa kanatti karaa salphaa ta'een raawwachuu danda'u. Babal'insa Artificial Intelligence hordofee DeepFake Artificial Intelligence kan jedhamu viidiyoowwan sobaa, sagalee sobaa fi suuraa sobaa fakkeessee hojjechuun kan beekamu addunyaa keenya weeraraa jira. Bara 2017 irraa kaasee qorannoo guddaarra kan jiru yoo ta'u, karaa moodeloota AI kan akka GAN - Generative Adversarial Network leenjifamee, waanta qabatamaa hin taane qabatamaa fakkeessee hojjechuu danda'ee jira.
Moodeloonni akkanaa hojiiwwan gaggaarii akka hojjetaniif itti yaadamanii yoo kalaqamaniyyuu yeroo ammaa kana garuu hojiiwwan gaggaarii hin taaneef osoo oolaa jiranii yoo argaman addunyaa keenyaaf sodaa guddaa ta'anii jiru. Yakkoota sadarkaa addunyaatti sodaachisoo ta'an hedduun akka hojjetamaniifis gahee taphataniiru.
Moodeloonni kunneen kan hojjetan suuraawwan, viidiyoowwanii fi sagaleewwan nuti social media garaagaraa irratti maxxansinuu fudhatanii leenjisuudhaan fuula keenya fakeessanii, sagalee keenya fakeessanii, bifa viidiyootti jijjiiruunii fi kkf gochuun dhiyeessuu danda'u. Fakkeenyaaf: DeepFake fayyadamuun video Film beekamaa ta'e keessa ofii keenya galchinee akka waan fiilmicha keessatti hirmaanneetti sagalee mataa keenyaatiin osoo haasofnuu mul'isuu dandeenya.

Egaa taatee sana keessatti 'DeepFake AI based Voice Cloning' waan jedhamutti fayyadamanii sagalee namicha sanaa fakkeessuun waan namni biraa dubartittii faana haasawaa jiru, gara sagalee abbaa qabeenyaa sanaatti jijjiiruun (Instant Voice cloning) yakka saamichaa raawwataniiru.
Egaa taateewwan kana fakkaatan yeroo ammaa kana baay'ee babal'achaa jiru. Teeknooloojiiwwan kunneen hojiiwwan gaggaarii hojjechuu kanneen akka Roobootii leenjisuu, moodeloota sosochii taasisan ijaaruu, fuula namoota yakka hojjetanii adda baasuu, konkolaattota yakka hojjetanii miliqan adda baasuu fi hojiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman hojjechuu keessatti gahee olaanaa qabaatanillee akkasumas bu'aan hammeenya isaaniis hammana kan hin jedhamnedha.
Miidhaa Deep Fake irraa akkamiin of eeguu dandeenya?
Teeknooloojii kana jalaa miliqnee jiraachuun ulfaataa ta'ullee, taateewwan shakkisiisoo akka armaan olii kana keessatti osoo waan jedhamne hin raawwatin dura xiyyeeffannoodhaan wantoota mirkaneeffachuu qabnu mirkaneeffachuu qabna. Fakeenyaaf: Dubartiin armaan oliitti maallaqa guddaa kana hattootaaf laatte, osoo maallaqa sana hin ergiin dura osoo dursitee abbaa qabeenyaa sanaaf bilbila isaarratti bilbiltee yookaan email gooteefii mirkaneeffattee gaarii ture. Gama Viidiyootiin yoo ilaalle, Viidiyoowwan karaa DeepFake hojjetaman kunneen xiyyeeffannoon yoo ilaalaman libsannaan ija isaanii kan uumamaarraan adda; yookaan tasuma hin libsatan yookaan immoo turtii yeroo dheeraa booda libsatu, kan nama sirrii waliin yeroo madaalamu garaagarummaa qaba jechuudha.
Gaaffii: Yeroo account keessan kanneen Cryptocurrency ittiin daldaltan - Fkn: #Binance, (Yoo muuxannoo hojii akkasii qabaattan jechuudha) verify goosiftan maalif, "afaan bani, cufadhu", "Ijakee libsadhu", "Mataa kee oliif gadi raasi", "Mataakee bitaa fi mirgatti raasi" isiniin jedhuu? Isaan kunneen hundi karaa ittiin account DeepFake fayyadamee Robot'dhaan baname ittiin ittisanidha. Malli kunis "Liveness Check" jedhama. "Akka nama lubbuun jiru ta'e adda baafachuu" jechuudha. Egaa nutis viidiyoowwan haqummaan isaanii nu shakkisiisu karaa kanaa adda baafachuu dandeenya jechuudha. Sagalee yoo ta'e immoo, tooniin sagalee DeepFake Ai'n hojjetamee "Electronics tone" waan qabuufi jechoota gidduutti gap walqixa ta'e uumaa waan dubbataniifi baay'ee FORMAl kan ta'e ta'uusaarraan adda baafachuu dandeenya.
Gaaffii
Yeroo account keessan kanneen Cryptocurrency ittiin daldaltan - Fkn: #Binance, (Yoo muuxannoo hojii akkasii qabaattan jechuudha) verify goosiftan maalif, "afaan bani, cufadhu", "Ijakee libsadhu", "Mataa kee oliif gadi raasi", "Mataakee bitaa fi mirgatti raasi" isiniin jedhuu? Isaan kunneen hundi karaa ittiin account DeepFake fayyadamee Robot'dhaan baname ittiin ittisanidha. Malli kunis "Liveness Check" jedhama. "Akka nama lubbuun jiru ta'e adda baafachuu" jechuudha. Egaa nutis viidiyoowwan haqummaan isaanii nu shakkisiisu karaa kanaa adda baafachuu dandeenya jechuudha. Sagalee yoo ta'e immoo, tooniin sagalee DeepFake Ai'n hojjetamee "Electronics tone" waan qabuufi jechoota gidduutti gap walqixa ta'e uumaa waan dubbataniifi baay'ee FORMAl kan ta'e ta'uusaarraan adda baafachuu dandeenya.
Egaa waa'een addunyaa AI fi Bad AI osoo haasawamee hin dhumu, barruu biraa waa'ee kanaa barsiisu qabannee deebi'uu dandeenya. Ammanatti yaadni kun yoo sisinitti tole namoota jaallattaniif share godhaa. Isinis barruuwwan akkasii argachuuf nu quunnamaa.
Author: Ifargan Guddataa Itichaa



I love how you narrate ideas and the structure you put them in! It is catching!
Barnoota guddaa irraa argadhe. Dhaloonni keenya maxxansa weebsaayitiirraa dubbisuurra feesbuukiifi tiiktookii qofaarratti yeroo isaa fixaa oola. Utuu dhufanii irraa baratu ture. Ifargan galatoomi!
Galatoomi!🙏