Artist Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa

Art. Haacaaluu Hundeessaa abbaa isaa Obbo Hundeessaa Boonsaafi haadha isaa Aaddee Guddattuu Horaa irraa bara 1976 Magaalaa Ambootti dhalate. Art. Haacaaluun maatiisaaf mucaa 4ffaa yoo ta'u, warrisaa ijoollee dhiiraa ja'aafi ijoollee durbaa afur, walumaagalatti ijoollee kudhan qabu. Akkuma ijoollee Oromoo kamuu, Haacaaluun maatiisaaf loon tiksaa akka guddate dubbata. Barnootasaa hanga kutaa 12tti achuma Magaalaa Ambootti barate. Haacaaluun baay’inaan maatiisaa biratti kan guddate yoo ta'u, akaakayyuusaa biras yeroo murtaa’eef jiraateera. Akaakayyuusaa waan jaalatuufis, mana barumsaa dhihoo jiru dhiisee kan naannoo mana akaakayyuusaa jirutti fagoo deemee barachaa ture. Magaalaan Amboo Haacaaluuf oolmaa gudda qabdi. Guddistee akka ummata isaatiif qabsa’uu, akka sagalee ta’uuf leenjistee artistiifi qabsaa’aa sabaa taasifte. Kanaafuu, Ambo ummata Oromoo hundaafillee oolmaa olaanaa qabdi. Ambo magaalaa Oromiyaa Finfinneerra gara Dhihaatti Kiilometira 125 fagaattee argamtu yoo taatu, gootota Oromoo hedduu biqilchitee guddisuu keessatti gahee olaanaa qabdi.

Gootichi ija barbadaa, Artisti Haacaaluu Hundeessaa, akkuma umuriinsaa barnoota sadarkaa tokkoffaaf ga’een bara 1981tti Mana Barumsaa Oddoo Liibaniifi Carii jedhamanitti barachuun xumure. Haaluma kanaan, Haacaaluun barnoota sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Qophaa’ina Ambootti barate. Hacaaluun, akka maatiinsaafi hiriyoonnisaa jedhanitti, umurii ijoollummaa isaarraa kaasee ogummaa artii haalan kan jaalatu waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti artii Oromootti makamuun seenaa gurguddoo hojjechaa tureera.

Akkuma Oromoon “Jibichi korma ta’u gooranatti beekkama” jechuun mammaakutti, Haacaaluun umurii kichummaa isaarraa kaasee ogummaa aartiitiin dhangi’amee guddate. Yeruma daa’imummaa isaatii qabee kiraaraafi masiinqoo fudhachuun qarree fincaa’aa lagaafi burqaa bishaanii taa’ee ofuma isaatiin ofjalaa qabee weeddisaa ture.

Haacaaluun, akka hiriyyoonnisaa dubbatanitti, ijoollumaarraa kaasee, ummata Oromoofi maatii isaatiif quuqama olaanaa waan qabuuf, yeroo barataa ture, bara 1995 irraa eegalee ummata isaatiif dubbachaafi falmaatii tureera. Ijoollummaarraa kaasee Haacaaluun fedhii muuziqaa ol'aanaa qabaatus abbaan isaa garuu muuziqaa jaalachuu isaatti hin gammanne. Sababiin isaas, ilmi isaanii baratee doktora ykn pirofeesara akka ta’uuf waan fedhaniifidha. Kanaafuu, “Weellisaa hin ta’in; weellisaan gola hin qabdu golloo malee” jechuun gorsu ture. Haata’u malee, humni aartii daangessu waan hin jirreef kennaafi kuufamni aartii Haacaaluu keessa jiru dhiibee dhufuun fedhii abbaa isaa mo’achuu danda’eera. Haatisaa Aaddee Guddattuun garuu, mucaan ishee muuziqaa akka taphatu ni jajjabeessiti turte. Haacaalunis maatii biraa ba’ee wayita loon tiksu afaan isaa osoo gungumuu oola. Ijoolummaarraa eegalee sirba Daawwitee Makonniniifi Sayyoo Daandanaa sirritti akka weellisuufi faana isaanii bu’uu akka jaalatu dubbata.

Artist Haacaaluu fi Harmee isaa Addee Ayyaantuu

Haacaaluun, sirba Daawwitee Makonnin kan:
Fardaa gurraacha lagarraa kaachisanii,
Qoricha naaf hawwite si nyaachisanii…
jedhu afaan isaa irraa akka hin buufne ni dubbata.

Yeroo sanatti, Haacaaluun, weellisuu malee akkamitti akka walaloofi yeedaloon barreeffamu hin beeku ture. Haacaaluun wayita jalqabu barataa cimaa ta'uu isaas akka hin beekne dubbata. Hiriyoonni isaa garuu, Haacaaluun barataa cimaa waan tureef osoo barnootatti cichee doktora ta’ee akka biyya jijjiiruu danda’u itti himaa turuu isaanii dubbatu. Wayita barataa turetti, kennaafi fedhii muuziqaatiin guutamee kan jiru ta’ullee ummata isaatiif qabsaa’uuf dursa laatee socho’aa ture.

Haacaaluun ijoollummaa isaarraa kaasee, mallattoon gootummaafi miirri qabsaa’aa ijaafi addasaarraa mul’achaa kan ture yoo ta’u, akkuma qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa xumureen Adoolessa bara 1994 keessa hiriyootasaa ja’a waliin sababa fincila diddaa gabrummaa yeroo sanaa barattootaafi dargaggoota Oromootiin eegale keessatti waan hirmaateef qabamee hidhame. Kanumarraa kan ka'e, bara 1995 wayita barataa sadarkaa lammaffaa turetti, umuriisaa waggaa 17tiin qabamee mana hidhaa Karchallee Ambootti darbatame.

Hiriyoonni isaa afur hidhaa waggaa shanii booda bilisa jedhamuun gadi lakkifamanis, hiriyootasaa sadan hafanitti ammoo hidhaan dabalataa itti murtaa’e. Haacaaluun muuziqaasaa shaakaluu cimsee waan itti fufeef manni hidhaa mana barumsaa Muuziqaa ta’eef. Dhumarrattis, turtii waggaa shanii hidhaa Karchallee Amboo keessa turetti hojii jajjabduu lammii isaatiif dalage. Kunis, muuziqaadhaan mirgaafi ummata isaatiif akka dubbachuu qabu daran ofbare. Qabsoo Oromootis sirriitti hubachuudhaan, akkuma mana hidhaatii ba’een albema jalqabaa, Sanyii Mootii jedhu gurra uummataatiin ga’e.

Haacaaluun yeroo Karchallee Amboo turetti, namoota maqaa ofii barreessuufi dubbisuu hin dandeenyeef bulchiinsa mana hidhaa waliin ta'uudhaan Barnoota Ga'eessotaa barsiisaa ture. Jijjiirama isaan fedhan gonfachiisuun namoota baay'eefis wabii jireenyaa ta'eera. Haacaaluun, waggoota shaniif Karchallee Ambootti yoo dabarsu, abbaafi hiriyaa isaa qofatu deddeebi'ee isa gaafachaa ture. Abbaan isaa wayita dhaqee gaafatu, “jabaadhu ilma koo manni hidhaa qoraasuma dhiiraatii” akka jechaanii ture dubbata. “Anis jabina isaan naaf laatan qabadheen jabaadhee hojjadhe” jechuun akka isaan miira jajjabinaa itti uuman ni hima. Jaalalli ogummaa aartii kiraara keessaan ijoollummaatti keessa Haacaaluu lixe karchallee Ambootti dagaagee keessaa ifee mul’ate. Karchallee keessa taa’ee walaloofi yeedaloo uumamaa keessa isaatii waraabbamee hin dhumneen dabaalee, si’a jalqabaatiif weelluu aalbemasaa, “Sanyii mootii” jedhu ummata biraan ga’e. Onneefi xiiqiin Artisti Haacaaluu keessa ture kan gootummaa waan tureef, akkuma mana hidhaatii gadi lakkifameen aartitti fayyadamee saffisaan qabsootti seene. Cunqursaa ummata Oromoorra ga’aa ture caalaatti finiinsuuf walaloofi yeedaloosaa qabatee gara Finfinneetti qajeele.

Achittis Artist Taammiraat Kabbadaa waliin walarguudhaan miseensa Baandii Hora Amboo duraanii ta’uun shaakalliisaa itti fufe. Yeroo ji’a ja’aa keessattis hojii maastarii aalbemasaa xumure. Aalbamasaa kanas mana muuziqaa Abbaa Gadaatti gurguruudhaan guyyoota afur keessatti Oromiyaa guutuu akka walga’u gochuu danda’eera. Innis yeroo gababaa keessatti gurraafi qalbii uummata Oromoo keessa seenuurra darbee sabootaafi sablammoota Itoophiyaa hunda biratti hedduu jaalatame. Sirbootni isaas daangaa qaxxaamuruudhaan biyya alaattillee jaalatamummaafi dinqisiifannaa guddaa argatani. Haacaaluun wayita aalbemasaa hojjatutti jaalala barnootaaf qaburraa kan ka’e barumsasaa addaan kutetti deebi’ee osuma Amboofi Finfinnee gidduutti marmaaruu barumsasaa kutaa 12ffa milkiidhaan xumureera.

Haacaaluun mana hidhaa keessa taa'ee namoota isa waliin mana sirreessaa jiraniif yoo sirbu, “namoonni na faana imimmaan isaanii buusu” humna sirboonni isaa jalqabumarraa qabaniif dhugaa ba’a. Itti dabaluunis, “Ani sirbuu malee qabiyyee isaaf hin cinqamu. Yeedaloo isaas yoon miira keessa galu ofii isaaf naaf dhufa” jechuun dubbata. Haacaaluun, aalbema sirbasaa jalqabaa keassaa Sirboota Sagal mana hidhaa taa'eetu barreesse. Kanaafuu, albama isaa jalqabaa mana sirreessaatti xumure jechuun ni danda'ama. Art. Haacaaluun turtii waggaa shanii booda mana hidhaa Karchallee Amboo keessaa ba’ee Finfinneetti gale. Finfinneettis qabanii torban tokkoof ma'ikaalaawiitti hidhan. Ammas, ''Hamma tokko bilchaadhee akkan ba’u maa’ikalaawwiin na cimseera. Waan hunda of-eeggannoodhaan akkan raawwadhu na taasiseera,'' jedha Haacaaluun.

Obbo Hundeessan daandiin Haacaaluu barumsa qofa akka ta'u yaalaniis kan isaan hawwan hin taane. Gaaf tokko garuu ilmi isaanii, Haacaaluun, sirba weellisaa angafaa, sirba Wasanuu Diidoo “jabbiloota koo” jedhu gaafa sirbu guddaa gammadanii “Ati ilma abbaa caale” jechuun miira gammachuu isaanii ibsaniif. Haadha Haacaalutiinis, ''Guddattuu, Ilmi kee reefu sirbite,'' jechuun gammachuu keessoo isaanii akka ibsan harmeen Haacaaluu ni dubbatu.

Artist Haacaaluu fi Abbaasaa Obboo Hundeessaa Boonsaa

Haacaaluun sirboota isaa miira namaa booji’an hedduu ummata Oromoof gumaachera. Aalbema lamaan dhumarra ba’an jalatamummaa ol’aanaa akka argatan ni beekkama. Haacaaluun garuu, “uummata koo biratti nan leellifama jedhee hin weellisne,” jedha. Itti fufuun, “Sirboota kanneeniinan quqquuqqaa miira ummata kootiin ifa baasee ittiin dubbadhe," jedha. Walleewwan Aalbema isaa bara 2009 fi 2013 ba’an kan mata-dureen isaa ‘Sanyii Mootii’ fi ‘Wa'ee keenya’ jedhan gurra ummataa ga’ee jira. Aalbamoota kanneenin ala yeroo as-dhihoo kanatti sirba qeenxee "Maalan Jiraa…?"fi "Jirra jirra” jedhu gurra ummataan ga’e fudhatama olaanaafi jaalala guddaa argatanii jiru.

Sirboonni isaa daawwatamuudhaan iddoo olaanaa kan qabanidha. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, seenaa uummata Oromoo keessatti sirbi ‘youtube’ irratti miliyoona sadi ol daawwatame kan Haacaaluu sirba ‘Maalan Jira’ jedhu, (Miliyoona 4.8) kan daawwatamedha. Erga aalbemnisaa, “Sanyii mootii” jedhu ba’ee, yeroo muraasa booda Artisti Jaamboo Jootee waliin walta’uudhaan, ‘VCD’ maxxansiisanii baasaniiru. Sirbootni Haacaaluu, “Sanyii Mootii, “Hunda Dandeessuu Koo”fi “Sabboontuu Oromoo” jedhan ‘VCD’ Jaamboo waliin maxxansiisan keessatti hammatamuun isaa inumaayyuu jaalatamummaa Haacaaluu haalaan dabalaniiru.

Itti-fufuudhaan, Haacaaluu dabalatee artistoota Oromoo kanneen akka Jaamboo Jootee, Aaddisuu Furgaasaafi Adinaan Mohaammadfaa walfaana Jimmaa jalqabuun konsartii muuziqaatiin Oromiyaa naanna’uuf murteeffatanii ka’an. Konsartii muuziqaa Jimmatti qophaa’erratti namootni kuma 35 kan hirmaatan yoo ta’u, erga milkiidhaan xumuranii booda osoo gara Magaalaa Baddalleetti imalanii balaa konkolaataa laga Dhedheessaarratti isaan mudateen Haacaaluufi hiriyyoonnisaa waan miidhamaniif konsartichi addaan cite. Balaan konkolaataa isaanirra ga’es ulfaataa waan tureef Artisti Haacaaluun gara waggoota sagaliif waltajjii muuziqaafi qophiilee adda addaarraa fagaatee tureera. Haa ta’u malee, jaalalli ogummaa aartiif qabuufi gootummaasaa Haacaaluu keessa jiru akka onnatee hojjatu waan didhannaa isaa kenneef harka maratee hin teenye. Yeroo sanas aalbemasaa lammaffaa, “Waa’ee Keenya” jedhu hojjachaa kan ture yoo ta’u, akkuma xumureen Ameerikaa (‘USA’) irraa viizaan dhufeef.

Kanaanis maastarii hojiisaa hiriyaasaa Ingiduu Cimsaa jedhamutti dhiifatee gara Ameerikaatti imaluuf dirqame. Aalbamicha galgala tokko, “Dubbiin keenya yoo itti dhiisan nama hin dhiisu, dubbii keenya akka hin taane, osoo jirruu akka hin jirree akka hin taane” jedhu dubbatee achumaan walaloo barreessuutti taa’e. Kanumaanis aalbemasaa lammaffaa hojjechuu danda’e. Sirboota aalbamichaa keessaayis jaalalaafi kutannoo mirgi ummata Oromoo akka kabajamuuf hawwu haalaan ibsachuu danda’eera. Artiistoota Oromoo hedduuf walleen waan weellisanii biraa galan miti; aarsaa qaba. Yeroo dheeraa qabsaa’uufi hojjechuu kan barbaachisu ta’uus, sagaleen Haacaaluu garuu osoo hin turin gurra ummataa booji’e. Kunimmoo humna miidhaginni aartiisaa qabuufi ergaa walleen isaa dabarsu irratti hundaa’eeti.

Fakkeenyaaf sirbi qeenxee, “Maalan Jiraa” jedhu kan inni bara 2015 viidiyoo muuziqaa bareedaadhaan dabaalee gurra ummataatiin ga’e har'allee akka sirba seenaa guddaatti ilaalama. Dhaggeeffatamees hin quufamu. Kan biraammoo, sirbi qeenxee, 'Jirra Jirra Jirraa' jechuun bara 2017 gadi dhiifames Haacaaluuf gurra guddaa horeera. Haala kanaan Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa sirboota qabiyyee, miidhagina aartii, ergaafi mata dureewwan qalbii ummataa booji’aniin wellisuun gurra guddaa horate.

Haacaaluudhaaf Muuziqaan Maali?

Muuziqaan isaaf maal akka ta’e yeroo ibsu; Haacaaluun, ''Muuziqaan anaaf jireenya kooti. Firan itti horadhes, diinan itti horadhes. Muuziqaan ana keessa koo jira. Akkaataa jiruufi jireenya saba kiyyaa kanan itti ibsu, quuqama keessa kiyyaa kanan ittiin dubbadhu, muuziqaan anaaf waan hunduma kiyyaa” jedha.

Aartiin daawwitii ummataati. Gaafa aartiin waan ummata quuqe asbaase, ummannis hagasuma deebisa. “'Maalan Jiraa' yeroon gadhiisu hagana jaalatama jedhee hin tilmaamne ture,” jedha Haacaluun. Garuu sirbichi quuqama sabaa waan ibseef takkaan laphee ummataa qabate. Itti dabaluudhaan waayee sirbichaa yeroo ibsu,''Maalan jiraa waanuma keessa kiyyaan barreesse. ummanni garuu battalumatti hubate. Kaanis gaafatee warra hubaterraa barate. Ummanni haala kanaan dafee hubachuu danda’uun anaaf gammachuudha'' jechuun yaad-deebii ummataaf gammachuu qabu hime. Namoonni hedduun kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye dabalatee sirba Haacaluu ni dhaggeeffatu; Haacaaluus weellisaa siyaasaatti fudhatu. Innis kana quba qaba. Ta'us, garuu, ''Ani nama siyaasaa miti. Artistii Oromooti. Jiruufi jireenya hawaasaa walleedhaan xiinxaluun nama siyaasaa nama hin taasisu. Yoo jedhanis immoo hin jibbu. Ishoo jedheen jalaa qaba,'' jechuun deebii itti kenne.

Galma Barkumee: 'Araat Kiiloof Situ Aane'

Galmi Barkumee iddoo Haacaaluun seenaa ajaa’ibaa itti galmeessedha. Ji’a Mudde, bara 2017 konsartii Oromoo Naannoo Sumaaleerraa buqqa'aniif galii walitti qabuuf Magaalaa Finfinnee, Galma Bar-kumeetti qophaa'erratti bakka aanga'oonni olaanoo gurguddoo jiraniitti 'Araat Kiiloof Situ Aane' jechuun kallattii qabsoo akeekuun geerare. Geerarsi suni kallattiin TV irratti tamsa'aa ture. Sana hordofuun humnoota nageenyaa mootummaatiin qabamee ajjeefamuuf akka tureefi Waaqayyo akka isa baase dubbatee jira.

Haacaaluu Hundeessaa: Walleefi Siyaasa

Haacaaluun nama dhugaa itti amane sodaa tokko malee dubbatuufi ofis dhiisee ummataaf jiraatu ture. Maallaqa aalbemasaa isa duraatiinis maatiisaaf mana ijaaruuf jalqabee ture. Misooma waliigalaa Magaalaa Ambootti jalqabameef deeggarsa qarshii kuma 100 gumaachuus danda’eera. Rakkattoota gargaaruunis Haacaaluun adda-dureedha.

Irra deebiidhaan, buqqa’insiifi ajjeechaan Oromoota Harargee daangaa Sumaalee jiran irraa dhaabbachuu didnaan ji’a Adoolessaa, bara 2018 sagantaa simannaa Pirezidaantii Eertiraa, Isaayyaas Afawarqiitiif Galma Barkumeetti qophaa'erratti sodaa tokko malee roorroo saba isaarra ga’aa jiru akkasiin geerarsaan akeekkachiise:

'Nurraa dhoowwi yaa Lammaa,
Nurraa dhoowwi yaa Abiy,
Nurraa dhoowwaa yaa biyyaa;
Yookaan Qeerroottan iyyaa' jechuun ajjeechaa Harargee keessa, Mi'eessootti raawwachaa ture furmaata battalaa argachuu akka qabu hubachiise. Waltajjiiwwan Galma Barkumee lamaan gootummaa Haacaaluu kan ifoomsanidha; Kunis Haacaaluun kutataa dhiiraafi sodaa-maleessa ta'uusaa ragaa jiraataadha. Kanaanis kan durii caalaa dinqisiifannaafi jaalala guddaa ummata biraa ittiin argateera.

Maallaqa bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun argachaa tures, hojiilee misooma hawaasummaafi namoota harka qalleeyyii ta’an ittiin deeggaruuf qusannaa tokko malee arjoomaa tureera. Keessumaa, waggoota lamaan jalqabaa keessa yeroo ummanni Oromoo miliyoonni tokkoo ol naannoo Sumaaleerraa buqqa’an hiriyootasaa waliin ta’uudhaan hanga buufata qubannaa Hammaarreessaatti deemuudhaan ummata isaatiif dhaqqabeera. Quuqama ummata isaatiif qabu imimmaan lolaasuun aantummaa dhugaas gochaan mul’iseera. Sanaan boodas, gargaarsa hawaasni Oromoo Ameerikaa qarshii kuma 600 taasisan qindeessuudhaan Oromoonni buqqa’an akka ittiin dandamataniif haala mijeessuu danda’eera.

Erga Mummeen Ministeeraa Doktor Abiy aangootti dhufee as deeggaraa mootummaa ta'eetii qabsoo gateera jedhamee komatamaa waan tureef; Haacaaluun, gara dhumaarratti miidiyaatti ba’ee deebii kennee ture: "Ani Oromoof qaaliidha, mootummaan na bituu hin danda'u" jedhee ejjannoo ofii ibse. Itti dabalees, ''Eenyutu Waddeessa eenyutu Jaldeessa?" jechuun miira gootummaasaa gootota Amboo, gootota warra Waddeessaa hime.

Konsartiifi hojii muuziqaaf irra deddeebiin biyya alaa deemaa kan ture Haacaaluu Hundeessaa, maaliif biyya ambaatti akka hin hafne gaafatamee akkas jedhe: ''Ani biyya abbaa koottan deebi'e, ajjeesee biyyaa hin baane. Akka artiistii tokkootti waan natti dhaga’amen sirbe. Gara fuulduraattis nansirba. Biyyaa baqachuun dhaloota kanarratti dhaabbachuu qaba. Kanarrammoo, eenyutu Waddeessaa eenyutu Jaldeessa? Eenyu waddeessa ta'ee ari'a, eenyu Jaldeessa ta'e baqata jedhu ijoolleen Waddeessaa ennaa xiiqeffatan," jedhe. Warri sirna darbeef dibbee rukutaa turaniyyuu biyya keessa jiraatuu, keenya addatti maali? Kana ummanni keenya baruu qaba,'' jechuun, Haacaaluun ummataafillee ejjannoo sirrii akeeke.

Gama siyaasa biyyattii kanaa jijjiiruuf wantoota dhokatoo jechuun seenaa haqaa galmee seenaarraa barbaaduun sodaafi dhiphina tokko malee waan itti amanee fudhate raawwachuurraa nama duubatti hin deebine ta’uusaa hiriyoonniifi namootni itti-dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Haacaaluun koonsartiif hojiiwwan muuziqaa hojjetu keessattis sagantaa bal’aa akka biyyaatti kabajaman keessatti seenaawwan gurguddoo dalageera. Sagantaa bal’aa maqaa isaatiin kabaja AYYAANA ADAWAA tiif agarsiisa gootummaa abbaa fardaa qopheesse keessatti, eenyummaa qabsaa’ota Oromoo, maalummaa fardeen Oromoofi Adwaan kan eenyuu akka ta’e bal’innaan irratti hojjetee mirkaneesseera. Seenaa kana hojjechuun isaa qabsoo Oromoo butame, seenaa Oromoo jaarraa tokkoo oliif hatamee ormi ittiin of boonsaa ture haqanqaalee diina harkaa baasuudhaan seenaan hatame abbaa seenaa, ummata Oromootiif deebisuu danda’eera. Fardeeniin Oromoon diina ittiin biyyaa baaseen ba’ee handhuura Oromiyyaa dachee Tuulamaa kan taate, Finfinnee keessatti ija diinaa gad qabuu danda’eera.

Ayyana Adwaa bara 2011 ALI kabajame sana yaadannoo dhalootaa kan yoomiyyuu seenaan hin daganne taasisuun galmee seenaa korsiiseera. As keessattis, maalummaa Jeneraalota Oromoo warra waraana hoogganuun dirree waraana Adwaatti uummanni biyyattii gabrummaa jala akka hingalle taasisan, jeneraalota kudha tokko keessaa sagal Oromoo ta’uu isaanii geerarsaan ibseera. Kun ammoo qorattoonni maalummaafi seenaa jeneraalota kanneenii qorachuun abbaan qabsoo kanaa eenyu akka ta’eefi eenyu injifannoo kana akka galmeesse sirriitti akka qorataniif kallattii kaa’eera.

Gootichi qabsoo artii, Haacaaluu Hundeessaa, artistii qofa osoo hin taane, qabsaa’aa seenaa, walqixxummaafi bilisummaa sabootaafi sablammootaaf halkaniif guyyaa osoo aara hin galfatin qabsaa’aa turedha. Nama haqa ummata Oromoo biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti cunqurfamuun awwaalamaa ture aartiidhaan deeggaruun cichee hojjechaa turedha. Kanaafis sirna kabaja Adwaa bara 2011 ALI rratti seenaa sobaa gareen muraasni ittiin faarfamaa ture saaxiluudhaan seenichi seenaa sabaaf sablammoota Itoophiyaa maraa, keessattuu seenaa gootota Oromoo hedduu ta’uusaa sagantaa inni adda-bayii masqalaatti qopheesse seenaa jiraataa bara baraati.

Fardeen Oromoo 500 ta’an Jalduufi Amboorraa walitti qabuun, konsartii muuziqaa inni qopheesse dhugaafi shoora Oromoon biyyattii ijaaruu keessatti qabaachaa ture ifatti mul’isuun saaxiluu danda’eera. Kanaanis injifannoo Adwaa sabni seenaa hin qane tokko ittiin ofleellisaa ture seenaa warra seenaa hojjateef deebisuun seenichi kan uummata bal’aa ta’uusaa mirkaneesseera. Kanas: “Nu miti fardeen keenyaa, ni beeku bareechanii, Gaafa gaarreen Adwaa, gaafa Maqalee sanii!” jechuun dhugaa ture ifatti baasuun onnee gootota Oromoo seenaa sana dalaganii darbaniitiin geerareera. Kanaanis yeroo lammataatiif qarriffaa diinota Oromoo seenaa hatuun beekkaman keessa seenuun akka ilkaan itti qaratan ta’eera.

Akkuma Abuna Pheexiroos maqaa dhaloot isaa jijjiiruun kan ofii taasisanii seenaafi gootummaasaa faarfachaa turan, dhumarra maqaan isaa Magarsaa Badhaasaa ta’uu dhageenyaan akkuma irraa baqatan sana, ammas seenaa qabsaa’ota biyyattii seenaa Adwaa dalaganii addunyaaf ifa taanaan baqachuu eegalan; Fardeen Oromoon ittiin sadarkaa biyyaarra darbuun addunyaan raajeffate kanas awwaaluun akka hin danda’amnes galmee haqaa yeroosaa eeggatee kan saaqe goota keenya, Haacaaluu Hundeessaati. Bara 2018, osuma karaarra deemaa jiruu waamicha taasifameef fudhatee gara Magaalaa Dirree Dhawaatti deebi’uun, galgaluma sana walaloo qopheeffachuu danda’eera. Walaloosaattis yeedaloo baafatee quuqama garaasaa, roorroo sabasaarra ga’aa tureefi ga’aa jiru qabatee sagantaa galma Barkumeetti qophaa’erratti argamuun waltajjii qabate. Achirrattis ‘jirtuu, jirtuu…’ jedhee ummata Oromoo mara garaa raase, ‘jirra’ jedhee diina rifachiise, onnee sabaas kaase, kiiloo afuritti situ aane jedhee isa karaarra jiru abdii itti hore; xiiqii keessas galche.

Fuulduratti ammoo sirboota baay’ee baasuuf qophiirra osoo jiruu, Waxabajjii 22 bara 2012 lubbuun isaa kiyyoo diinota Oromoo keessa galtee rasaasan rukutamee tasa bade. Hanga gaafa du’uutti, Haacaaluun guyyaa tokkoofillee harka kennatee hin beeku ture. Hattootaafi gantootaan garuu yeroo dhumaatiif lammiisaatti nagaa dhaammatee sokke. Hanga har’aattis aalbamii lamaafi sirboota qeenxee, “ ‘Maalan Jiraa’, “Jirra Jirraa’, ‘Nan hima Waa’ee Kee’, ‘Cabsaa’ fi ‘Aggaaroo’” jedhan jaalattoota isaatiif gumaacheera.
Haacaaluun qaruuxee qaruuxee caalu ture. Qaxalee dhiiraa, artistii ta’uurra darbee qabsaa’aa mirga dhala namaa ture. Beekaafi abbaa ogummaa hedduus akka ta’e biyyatu beeka. Nama sagalee qofaan weellisaa ture osoo hin taane; kiraara, gitaaraafi kiiboordiin taphachuu sirriitti itti beeka. Hiriyootasaafis ogummaasaa qooduudhaan gita hinqabu ture. Kanaanis hiriyootasaa biraa galataafi jaalala guddaa qaba.

Gama jireenya dhuunfaasaatiinis jaalalleesaa waggoota digdamaaf waliin turan, Aaddee Faantuu Damissoo waliin waggoota shan dura bultii ijaarrachuun ijoollee durbaa sadii argataniiru. Isaanis: Wabii, daa’ima umrii waggaa shanii; Milkii, daa’ima waggaa lamaaf walakkaa; akkasumas, Giiftii, daa’ima ji’a tokkoo haadhaafi uummata Oromootti dhiisee yeroo dhumaatiif addunyaa kanatti nagaa dhaammateera.

Haacaaluun jaalatamummaa galaana qaxxaamuree ce’eef jalqabarratti kan sirriitti beeksisuun isa deeggaraa ture, “Shawaa entertainment Promotion” yoo ta’u, artistoota Oromoo bebbeekamoo kanneen akka Jaamboo Jootee, Abbush Zallaqaafi Nugusuu Taammiraatfaa waliin ta’uun Ameerikaatti si’a duraatiif konsartii muuziqaa qopheessuu danda’eera.
Sanaan boodas affeerraan konsartii qopheessuu yeroo adda addaatti dhiyaateefii dhuunfaa isaatti, bulchiinsa Isteetota Ameerikaa 33 keessatti ogummaafi miidhagina aartii Oromoo hawaasa idil-addunyaatti beeksiseera. Kana malees, biyyoota Afrikaa, Awurooppaafi giddugaleessa Eeshiyaa hedduu keessatti sirboota isaa dhiyeessuun maqaa ummata Oromoofi Oromiyaa leellisuu danda’eera. Konsartiiwwan muuziqaa irratti hirmaate hundarratti eegumsi taasifameefii kabaja guddaadhaan sagantaalee isaa xumuraa tureera. Kunimmoo seenaa qabsoofi aartii Oromoo keessattis kabajaan galmeeffamuun akka yaadatamu ta’eera.

Artisti Haacaaluun, yeroo haalli nageenya biyya keessaa rakkisaa turetti Ameerikaa deemuun hawaasa Oromoo dubbisaa tureera. Isaanis, biyyatti deebi’uu akka hin qabne gorsuun, akka achitti hafu wayita kadhatan, “Biyya abbaa koorraa eessattan hafaa? Achumattan galeen du’a!” jechuudhaan diinaan wal’aansoo qabuuf gara biyya abbaasaa, Oromiyaatti deebi’eera. Innis jaalala ummatasaatiif qabu afaaniin qofa otoo hin ta’iin gochaan agarsiiseera.

Haacaaluun dubbiifi ogummaa isaatiin taateewwan har’a mudatan osoo hin ta’iin kan boriifi iftaaniis raajuun ummata Oromoo dammaqsaa, gorsaafi akeekkachiisaa nama tureedha. Yaadotni inni kaasuun falmaafi mormaa ture hedduunis raawwatamanii argamaniiru. Sagaleesaa kiilolee sanaan qawwee caalaa lolee lolchiiseera.

Weellisaa beekamaafi ummata Oromootiif Qaalii ta’e, artisti Haacaaluu Hundeessaa, Waxabajjii 30/2020 guyyaa Wiixata gara gammoo Magaalaa Finfinnee rasaasaan ajjeefamee reenfisaa naannoo kondomiiniyamii Galaanitti argameera. Battaluma argametti gara Hospitaala Xurunesh Beejing geeffamus, lubbuun isaa baraaramuu hin danda'amne. Sirni awwaalcha isaa gaafa Kamisaa magaalaa Ambootti raawwateera. Akka waliigalaatti, ilmi Obbo Hundeessaan dhalchan ilma Oromoo hundaa ta’eetu hojii boonsaa ummata isaatiif dalagee gootummaadhaan darbe. Haacaaluun kan ummata Oromooti.

Barruun kun kitaaba Oromoo fi Finfinnee jedhu kan Darajjee Bahaaruu Margaatiin bareeffame irraa fudhatame!

Share

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Language
Scroll to Top