Hiriyaa – Asoosama

Seensa


Kitaabni kun akka bara Faranjiitti bara 2021 barreeffame. Kitaabichis kan barreeffame Ifargan Guddataatiini. Kitaabni kun bifa PDF tiin gadhiifamee weebsaayitii, Telegraamii fi karaa chaanaaliiwwan garaagaraa dubbiftoota kumaatama dhibbaan lakkaa’aman bira gaheera. Kitaaba jaalatamummaa guddaa argateefi kitaaba yoomillee irra hin dabarreedha. Dubbiftanii yoo jaalattan qoodaa.

KUTAA 1FFAA


Ani Gaaddisaadha. Gaaddisaa Morkataa. Dhalataa shawaa lixaa magaalaa Ambooti. Achumattan dhaladhe, achumattan guddadhe. Haa ta’u malee baroota afur duran carraa barnootaan gara yuunivarsiitii Haramayaa deemee akkan baradhun taasifame. Bara kana Muummee Seeraa waggaa 4ffaan barachaa jira.

Margaan hiriyaa koo dhugaa, kan daree kiyyaa fi Dirreen qu’annaa keenyaa walfakkaataa ta’e nama yeroo hundaa bitaa fi mirga koon siif jira naan jedhu koodee kooti. Margaan Ilma Harargeeti. Harargee biyya jaalalaa fi kabajaa, biyya gootota biqilchuun beekamtu, biyya Oromummaan itti dagaage. Egaa Margaan asitti dhalate guddate. Margaan jaalala na barsiise, gootummaa na barsiise. Aniif Margaan amalaanis waan baay’ee waliif galluuf Yeroo danuu walumaan yaana. Rifeensa akka tokkotti sirreeffanna; ‘Odaa!’. Yeroo danuu huccuu walfakkaattaa bitanna.

Kanas baayyee jaalanna. Namoonnis nurraa jaalatu. Dubbiiwwan hususaan bahanii fi firoota nutti himan irraa yeroo danuu dhageenyeerra. Ofii keenyattis baay’ee gammadna.

Faanoseen intala Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa shaambuu yoo taatu hiriyaa (GF) kiyya waggaa lamaan ol waliin turredha. Anii fi Faanoseen eenyummaa walii dhuunfannee jaalala dhugaa waliif qoodnee waliin jiraachaa jirra. Faanoseenis akkuma keenya, dirree walfakkaataa qu’atti. Kanarraa kan ka’e Ana, Margaa, fi Faanoseen yeroo mara waliin qu’anna, waliin laaqana, irbaata nyaanna. Faanoseen yeroo mara Margaa kan rakkiftu akka inni hiriyaa durbaa qabatuufidha. Margaan Garuu baay’ee dhiphata. Mucayyoon inni baay’ee jaalatu Biqiltuun jaalalasaa keessummeessuu waan diddeef daran aara.

Teenyee laaqana nyaachaa jirra. “Margaa, Yeroo danuu jaalala qabduuf itti agarsiisuuf yaalteetta. Isheen Garuu ammallee miira tuffii siif qabdi. Durbi tokkommoo sin sodaattu, sin kabajju taanaan gonkumallee si jaalachuu hin dandeessu. Kanaaf ati maaf Biqiltuu hin dhiiftu? Maaf naannoo kee hin mil’atutu? Durbi si kabajju, si sodaattuu fi si jaalattu ni jirti ta’aam! Margaa dhiphattee nun dhiphisiin maaloo” jette Faanoseen yaada gaarummaa, jaalalaa fi waliif yaaduu of keessaa qabuun. Ani calliseen taa’ee caqasaa jira. Deebii Margaa dhagahuufis jarjareera.

“Faanosee, dhiphadhee akkan sin dhiphise nan beeka. Sababa isaa beekuu baadhullee, isheen na jaalachuu fi na kabajuu baattullee ani Biqiltuu irraa garaa kutachuu hin dandeenye. Tarii ni gaabbiti ta’aa, dhugaan koo galuufii mala ta’aa mee yeroo muraasaaf obsee haa eegu” jedhe margaan. “Miskiin!! garaa nama nyaatta, keessa darbitee nama dhugda” n jedheen akkuma dur wal saadnee(abbaashaqnee) taphannutti. Nuti sadanuu kolfinee kolfatti jijjiirree laaqana fayyadamnee kaane.

Biqiltuun Margaa jaalachuu dhiisii akkuma inni mooraa sana keessa jiruyyuu Yeroo isa argite qofa yaadatti. Isayyuu ija guutuun hin ilaltuum. Tuffii!! Maaf Margaa qofa, isheen barattoota hunda tuffatti. Kun Margaaf summii jireenyaati. Anii fi Faanoseen gargaaruuf yaallus tuffii biqiltuun nuuf qabdu irraa kan ka’e isheetti dhiyaachuu hin dandeenye. Biqiltuun Yaadnii fi fedhiin ishee hojjettoota mooraa fi barsiisota bira jira. Isaan feeti, isaan hordofti. Margaan Garuu haalota kana hundumaa osuu arguu ishee jaalata. Yeroo hundumaas dhokatee ishee hordofa.

Haaluma kanaan osuu dabarsaa jirruu bara kana keessa rakkoon ulfaataan tokko na quunname. Dr. Beenyaan (Hoogganaa Kolleejjii Seeraa Yuunivarsiitii Haramayaa) Faanosee irra ijasaa buufate. Irra deddeebi’ee Faanosee Biiroosaatti waamee akka rakkisuu fi akka doorsisu nan dhagahe. Kun anas Faanosees bishaan afaan nu guute. Waan dubbannu wallaallee wal dhoksinee jiraanna. Isheen kun na mudate naan hin jettu, ani “waantin dhagahaa jiru sirriidhaa?” hin jedhuun.

Dr. Beenyaan guyyaa tokko biiroo isaatti bilbilaan na beellame. Anis sa’aa inni itti na beellametti nan dhaqe, Biiroosaa olin seene. “Gaaddisaa, Faanosee akka ati jaalattuu fi akka yeroo hundaa waliin deemtu nan beeka. Garuu Faanoseen mucaa yeroo jalqabaaf onnee koo hattedha. Baay’een jaaladha. Fuudhees haadha manaa koo godhachuun barbaada. Kunimmoo yeroo dhiyootti ta’a. Kanaaf waan biraaf kanan si waame miti; har’aa kaaftee hariiroo ishee wajjin qabdu akka dhaabdu si dhageessisuufani. Jechuun koo kanaan booda ati isheef homaa miti; isheenis homaa kee miti jechuudha.” naan jedhe.

Ijan babaase. “Waantin dhagahaa jiru kun dhugaadhaa?” n ofiin jedhe “No! No! kun gonkumaa ta’uu hin danda’u Dr. Beenyaa. Hin ta’u, Gonkumaa hin ta’u! Dhamaatii bu’aa hin qabne hin eegaliin. Aangoo kee da’eeffattee jaalala keenyatti summii hin facaasiin. Never! Never!” jedheen.

“Hahahaha, Wal ilaallaka. Yeroo dhiyoottin si agarsiisa. Garuu osuu fayyaa guutuu qabduu, osuu barumsa kee barachaa jirtuu itti yaadi. Nageenyaanis waraana keessaa bahi. Diddee utaaluu barbaadda taanaan garuu jalqaba barumsa kee dhabda. Kanaanis sin gahu taanaan lubbuu kee dhabuu dandeessa. Waa! Xumureera amma deemuu dandeessa” naan jedhe. Akka nama maraateen utaalee balbala bandal! godhee bahe.

KUTAA 2FFAA


Alana jireenyi natti hadhaawuu eegalte. Dr. Beenyaan nama waan jedhe gochuuf duubatti hin deebine nama goggoogaa akka ta’e nan beeka. Dr. Beenyaanis haalaa fi carraa argatetti fayyadamee doorsisa isaa itti fufe. Walitti dhufeenyi kiyyaa fi kan Faanosees gaaffiin guutame. “Yaa waaqayyo, maaloo ati na gargaari. Ani gonkumaa Faanosee dhabuu hin barbaadu, hin danda’us. Humnan ittiin namicha kanaan falmu hin qabu, ati naaf falmi” jedheen gaddaa ofitti aada.

Faanoseenis akkuma koo ija jabaattee Dr. Beenyaan waldhaansoo qabuu eegalteetti. Dr. Beenyaan Garuu “Isin lamaan gonkumallee hin eebbifamtan, tasa dhama’aa jirtu” jedhee anaa fi Faanoseetti gaa’isa. Iccitii kana kan beeku anaa fi Faanosee qofa. Margaanuu hin dhageenye. Haa ta’u malee nuti walitti dhufeenya keenya akkuma duriitti waliin dabarsuu itti fufne.

Guyyaa tokko Dr. Beenyaan Biqiltuu biiroo isaatti waamee, “Biqiltuu, ani guyyaa ati mooraa kana seente irraa eegalee si hordofaan ture. Ati intala bareedduu, intala qaxalee qalbii namaa boojitudha. Baay’een si jaaladha. Haa ta’u malee har’a borun sittima osuun jedhuun har’a gahe. Biqiltuu jaalala koo naaf simadhu” jedheen. Biqiltuun dhugaa hin seene. Hin naate, hin gammadee, hin maalalamte.

Yeroo hin fudhanne, hin xiinxalle lafa teessuu olkaatee harkashee lamaan gara samiitti ol bal’iftee wuwuwuwuwu jettee ofirra naannoftee gammachuu ishee ibsiteef.

Dr. Beenyaan dhugaan ishee jaalachuu baatullee yaadnisaa fudhatamuufii isaatti baay’ee gammadee ishee galateeffate. “The game started!” jedhe Dr. Beenyaan harkasaa aboottatee hidhii isaa ciniinnatee. Guyyaa sanaa eegalee Dr. Beenyaan Biqiltuu konkolaataa isaan fuudhee bakka barbaade geessa. Waan barbaade waliin raawwata. Waan hundumaa guuteefiis ishee agarsiisa.

“Beenu hamma waanan barbaadu harka kiyyatti naaf galchitutti qofa na nyaattaa” jedha garaa isaatti. Biqiltuun yaadasheen ala taatee Dr. Beenyaarratti of gatteetti. Haalli kun marti garuu Margaaf dirree waraanaa ture. Yeroo mara dhokatee hordofee ishee ilaala. Garuu osuu arguu dubbachuu hin dandeenye, humna hin qabukaa.

Dr. Beenyaan guyyaa lammaffaa biiroo isaatti bilbilaan na wame. Har’a garuu akka guyyoota kaanii sagalee lallaafaan na faana hin haasofne. Akkuman olseeneen lafa taa’uu ol ka’ee, “Ee! Didataa dhuftee? Didattekaa ati? Kanarra Gaaddisaa Morkataa osuu hin taane Didataa Morkataa jennee si waamnakaa!” naan jedhe. Anis Calliseetuman ilaale. “Faanosee bira hin gahiin siin jennaan diddee?” jedhee harkasaa ol fuudhee natti gadhiisee. Harkasaa ofirraan qoladhe. Shugguxii karaa seera maleessaan mooraa keessa seensisee minjala jala dhoksee kaawwatu natti baafate. “Argitee kana? Kun hantuuta moo qamaleefan as kaawwadhe sitti fakkaatee? Kun nyaata keeti. Lubbuu keerratti murteessaa jirta” naan jedhe.

Ani akka durii sodaachaa hin jiru, garaa kutadheera. Ammaan kana rukuttaan onnee koo daran dabalee jira. Dr. Beenyaan shugguxii isaa mudhiisaatti suuqqatee harka shaamizii isaa ol ol sassaabbachaa gara kootti qajeele. Akkuma na bira gaheen kokkee koo jalatti hudhee na qabe. Yemmuu kana kan onneen koo dhiigaan makamte. Wal qabannee wal gangalchine, lafarra wal sukkuumne. Huccuun koo narratti ciccite.

Maal akkan godhe hin beeku, eessa akkan dhahe hin beeku kanuma Dr. Beenyaan gaggabee reeffa ta’en arge. Yemmuu kana barreessituun biiroosaa fiigaa dhufte. Anis bilbila kiyya, waraqaa eenyummaa kiyya kan yuunivarsiitii fi waaleetii boorsaa kiyyaa akkuma lafarra na jalaa faca’ettan dhiisee fiigee bahe.

Yakka kanaanis nan himatame. Koreen dambiif naamusaa narratti lafa dhahe, aangaa’onni mooraa narratti lafa dhahan. “Akkamitti ta’a?” namni jedhu hin dhabame? Falmachuuf olii gadi kan fiigu ana, Margaa fi Faanosee qofa. Barattoonni mooraa, hojjettoonni mooraa hundi akka shororkeessaatti na ilaalan. “Quufaan kun osuu waanumti barbaadellee ta’ee Barsiisaa reebaa? Hororaan kun! Kana qabanii mana hidhaatti galchudha hamma quufnisaa irraa galutti.” jedhe mata duree dubbii na godhate hunduu… Jechan dhabe, nan watwaadhe namni maal taate naan jedhu hin jiru. Haqa koon himadhe; namni na dhagahu hin jiru…

KUTAA 3FFAA


Dhumarratti waggaa tokkoof barumsa kiyyarraa akkan adabamuuf natti murteeffame. Fala hin qabu – nan fudhadhe. Iyyus, watwaatus, falmus maaltu dhufa? Barataan dhugaa qaba, barsiisaa yookiin qaama bulchiinsaatu balleesse qaamni jedhu silas eessa jira? Keessumaammoo inni mooraa keenyaa… Garuu …. Faanosee irraa fagaadhee jiraachuu waanan hin dandeenyeef Mooraa yuunivarsiitii Haramayaa fuulduratti kan argamtu magaalaa Baatee keessaa mana jireenyaa kireeffadheen jiraachuu eegale.

Maalaqa maatiin kiyya ji’aan naaf ergan qusadheen itti fayyadamuun jiraachaa jira. Haa ta’u malee dararri Dr. Beenyaa narraa dhaabachuu hin dandeenye. Ittumaa atti caalaa dhufe. Bakka oolmaa kootti ofiisaa dhufee fi namoota natti ergee na doorsisaa fi na doorsisiisa. Kanarraan kan ka’es guyyaan ani manan kireeffadhee keessa jiru keessa bulu guyyaa muraasa qofa. Gaafa kaan Magaalaa Haramayaa, gaafa kaan magaalaa Harar fi gaafa kaan magaalaa dirree dawaa deemeen akkuma ta’etti bula.

Yeroo kana waantonni ciggaasisoo ta’an gurguddoon sadii mooraa Yuunivarsiitii keessatti ta’uu eegalaniin dhagahe. Tokkofaa, Dr. Beenyaa fi Biqiltuun hariiroo isaanii gadi fageessuun mooraa hamma miila tokkoon dhaabuu gahanitti gahan. Lammaffaa, Dr. Beenyaan jireenya Margaa irratti dhiibbaa gochu eegale. Sadaffaa Dr. Beenyaan biqiltuutti fayyadamee Faanosee haamilee tuquu eegale.

Biqiltuun Faanoseen, “Ee! Haadha biyyaa! Maalii mooraan si hanqatewoo? Eessa jira jaarsi kee inni quufaan, inni barsiisaa reebu? Sumatu quubsekaa? Yoona sababuma keetiin ta’akaa? Ahaa! Dr. Beenyaawoo irratti huddeellachuu barbaaddee tureeree? Siif hin ta’u. Dr. Beenyaarraa ija kee kaafadhu. Maal fakkaattii kun?” jetti. Isheen waan feete haa jettu malee waanti isheen haasoftu kun Faanoseef waan haaraa miti. Hidhaa fi akeeka Dr. Beenyaa akka ta’e shakkii guutuu qabdi. Garuu ni obsite, hamma dubbii adda baafattutti homaa dubbachuu hin barbaanne.

Guyyaa tokko Dr. Beenyaan mala tokko yaade. Kanaanis Biqiltuu fi Faanosee Sa’aa walfakkaataatti biiroo isaatti beellame, Faanosee sa’aa 7:00 irratti, biqiltuu sa’aa 7:30 irratti. Sa’aan lakkaawuu eegalte, “Har’a tapha marsaa tokkoffaa nan eegala. Kiyyoon koos gosa qurxummii ani barbaaduu filee naaf qabuu qaba!” ofiin jedhe Dr. Beenyaan abdiin guutamee ol jedhee afuura dheeraa baafatee. Sa’aa 7:00 ta’e, Faanoseen dhuftee balbala rukutte. “Seeni” jedhe Dr. Beenyaan lafa taa’uu ol ka’ee shaamizii isaa fi qabattoo isaa tottolfachaa, boonaa… Faanoseen ol seente. “Noor bareedduu koo, baga dhufte, yoon si argu lubbuun koo akka taatu dhabdi. Addunyaan kun qabeenyaa dhuunfaa koo natti fakkaatti, jireenyi koo marti gammachuun guutama.” jedhee harkasaa gaafa itti hiixatu Faanoseen harkasaa ofirraa rukutte.

Dr. beenyaan baay’ee rifatullee homaa jechuu hin dandeenye. “Bareedduu akkas hin ta’iin, hin gowwoomiin, waan injifattu sitti fakkaatee waldhaansootti hin seeniin. Ati amma filannoowwan injifatamuu lamaa fi filannoo injifachuu tokkoo fi tokko qofa qabda. Tokkoffaa, Ana faana waldhaansoo qabuuf kan yaaltu taanaan 0.00 irratti injifatamteetta. Lammaffaa, Ana jalaa dheensuuf jettee mooraa kanaa baatee Gaaddisaa waliin lafa feete deemtus na jalaa hin baatu; injifatamteetta. Ani baay’een si jaaladha. Kabaja namummaa koos dabarsee siif kenneen si kadhachaa jira. Filannoon ati ittiin injifachuu dandeessu ana faana ta’uu qofa fi qofaadha. Waanan si jaaladhuufan si kadhadha; kaawwan isaaniimmoo anaan na kadhatu. Haa ta’u! kun dhugaa addunyaa jaalalaati. Fakkeenyaaf, Biqiltuun intala Muummee(department) keetiiti, Galgalaa ganama biiroo kootti marmaaruun, ‘Doktor, si malee ani agartuun koo lafa nan argitu’ kan naan jettee na rakkiftu. Ani garuu si qofan fedha, Jaalala koo naaf simadhu, kabaja naaf qabdus natti agarsiisi.” jedhee isumaa gara Faanoseetti qajeelu balballi rukutame.

“Seeni” jedhe Dr. Beenyaan daddafee teesuma isaarratti deebi’ee. Biqiltuudha, Akka biqiltuu ta’es dursee beeka Dr. Beenyaan. Biqiltuun akkuma olseenteen akka qeerransaa ija Faanoseetti babaaftee, rifeensa ishee isa qarshii kumaatamaan bitatte sana asii fi achi daddarbattee, harkashee lamaaniin mudhii ishee qabattee, “Giiftii! haadha biyyaa, maal asii goota? Maal siin jedheen jira? Kanaan dura jaarsa kee reebsifte; ammawoo maaltu si hafe?” jette. Faanoseen baay’ee aarte, obsa dhabde. Garraamummaanshee dabeettii ishee fakkeesse sunis yeroo sanaaf bakka gadhiise, Obsi isheen kaayyoo isheetiif jettee aarsaa kafalaa turte sunis yeroo sanaaf ni godaane.

Kabajamtoota dubbiftootakoo, Asoosama hiriyaa jaalattanii jirtuu? Amma immoo akka isin oolmaa tokko nuuf ooltan barbaadna. Link kanaa gadii tuqaatii fuula facebook Ifargan Technologies Follow taasisaa. Galatoomaa!

Fuulli intala magaala bareedduu sunis cilee uffate. Taraf jettee lafaa olkaatee ijaa fi ija Biqiltuu keessa ilaaluun, “Biqiltuu callisi! Haasaa kee hin fedhu. Waa’ee koo waan feete haasawi, Waa’ee gaaddisaa waan beektu hin qabduu!” yemmuu jettuun. Biqiltuun itti utaaltee Faanosee qabatte. Dr. Beenyaan akka nama taa’ee tapha WWE Wreslingt ilaalu fakkaata, xis ximbis hin jedhu…. “wow, What a hot game!!” jedha garaa isaa keessatti. Faanoseen callisuu Dr. Beenyaa gaafa argitu, dubbiin kan itti yaadame ta’uu hubattee Biqiltuu gadhiiftee fiigdee karra baate.

“Inuman du’egaa intala kana yoon dhiise; Maal fuuti asii? Maal asii qabdii? Faaraan kun!!” jette Biqiltuun. (Hororaa/Horortuu jedhama afaan Oromootiin inni Biqiltuun faaraa jettu kun). Dr. Beenyaan lafa taa’ee jiruu olka’ee, “Dhiifama Biqiltuu, taa’i. Intalli kun irra deddeebitee biiroo dhufuun na jeequu malee diddee jirti. Gaaddisaa mana barumsaatti naaf deebisi jettee na kadhatti.” jedheen.

“Ha ha ha, sirumaa?? Kunimmoo gonkumaa hin ta’u malee, hin ta’u Doktor. Ati bar barsiisaadha. Kanumaa bulchaa Muummee fi kolleejjii, nama kabajamaa! Si salphise bar… Gonkumaa barachuu hin qabu. keessumaa hamman ani mooraa kana jirutti. Waggaan adabbiisaa dheerachuu qaba.” jette biqiltuun fuulashii akka Veentileetaraa asii fi achi raasaa.

Dr. Beenyaan ejjennoo Biqiltuutti baay’ee gammadee “What a brave hunter!” jedhe sagaleen isaa akka dhagahamutti. Jechisaa kun maalii fi maalif akka ta’e Biqiltuuf galuu baatullee isheen gonkumaa Dr. Beenyaa irraa shakkii waan hin qabneef hin qalbifanne. Jaalala Dr. Beenyaatiin dhuunfatamteetti. Waanta barbaaddu argattekaa! Yeroo hundumaas Biiroosaa malee daree barnootaa seenuun ishee jibbisiiseera.

Dr. Beenyaan garuu dhimma jaalalashee qabaachuu baatus hamma dhimmasaa raawwatatutti Biqiltuu mufachiisuu waan hin barbaanneef, waan baay’ee ishee jaalatu of fakkeessee itti dhiyaata. Kanumaanis abshaalummaa isaatti fayyadamee biqiltuu akka fedhasaatti akka itti fayyadamutti kiyyoo isaatti galfateera.

Guyyaansaa Kamisa galgala, tilmaamaan naannoo sa’aa 10:30(Local time), yeroo barattoonni pireedii isa dhumaa baratanii itti bahani. Margaan daree barnootaatii bahee osuu gara doormii isaa deemaa jiruu fi Biqiltuun osuu biiroo Dr. beenyaatii baatee gara doormii deemuuf jettuu kiphii walitti dhufan. Margaan ni rifate, Biqiltuun garuu si arge sin argine hin jettu; inni isheef nama isa kaaniin tokkuma. Margaan har’a waan onnee godhate osuu hin taane waan liqeeffate fakkaata, “Biqiltuu, osuun daran si barbaaduun si argadhe. Ati maaf daree seentee hin barattu? Maaf jireenya keerratti qoosta?” jedheen.

“Tish! Kun maal haasawaa gowwaan? Ati deemii baradhu, jireenya kee! Hee…? Beenu karaa koorraa gori, si faana haasawuu hin barbaaduu” jetteen Biqiltuun.
“Biqiltuu maalif akkas naan jettaa? Ani baay’een si jaaladha. Jaalatamuun simboodha, simboon kennaa waaqayyooti. Namummaa koo tuffachuu dandeessa. Garuu Waanuman si jaaladhuuf qofaallee na kabaji. Ani hamma dhumaatti sin jaaladha” jedhe Margaan ijasaarraa imimmaan xaragachaa.

“Hoodhu deemii ittiin sooftii bitadhu” jettee qarshii 10 boorsaa ishee keessa fuutee itti darbatte.

Margaan baay’ee aare. “Biqiltuu, nan aarsiin, ani jaalala keen si kadhachaa jira malee qarshiin si kadhachaa jira miti. Jaalala keetu na boochisa malee dabummaa yookiin gowwummaa koo miti. Garuu konkolaataa hin qabu, qarshiis akka ati feetutti hin qabu. Kunimmoo jaalala akka hin binne nan beeka. Hundi keenyas boru bira geenyee argannee tuffachuuf jirra. Garuu jaalala onnee qulqulluu kanin siif qabu siif kennuuf qophiidha. Nan balfiin, ani qomoo keeti. Gaarummaa kee malee daba kee hin yaadu. Ija kee banadhuu na ilaali” jedhee yemmuu harkashee qabu, kaballaa ol fuutee gurra isaa keessaan ciwuuuuuuu itti goote.

Yemmu kana margaan lafa lixu wallaale. Rukutuuf safuu cabsuu sodaate. [Dubartiin hin rukutamtu, safuudha!] Margaan miirasaan mo’atamee waan tokkotu sammuu isaatti dhufe. “Gahee kana hunda kan taphachaa jiru Dr. Beenyaadha” ofiin jedhe. Of biraa dhabuu hiriyaasaa fi bittinnaa’uu jaalala Gaaddisaa fi Faanoseef sababiin Dr. Beenyaa ta’uu yemmuu yaadutti miira olaana keessa seene.

Qalama (Peennaa) isaa ‘BIC’ boorsaa isaa keessaa gadi baafatee qadaada isaa irraa banee karaa hudduu duubaatti qadaadee akka waraanaatti harkasaatti qabatee akka nama maraatee, afuura gootummaa baafachaa, dafqa gootummaa hafuurfachaa, onnee dhiigden gara biiroo Dr. Beenyaatti fiigaa dhaqe. Waraanuuf, qalamaan…

KUTAA 4FFAA


Yemmuu Margaan balbala biiroo Dr. Beenyaa fuuldura gahu, Dr. Beenyaan konkolaataa isaa keessa seenee foddaa fi balbala cufatee konkolaataa isaa kaafachaa jira. Margaanis ariitii fi miira isa duraarra caaleen gara Dr. Beenyaatti fiigaa, “Beenyaa na eegi, dhaaphuu na eegi. Koottu gadi naaf bu’i. Amma jireenya keenyaan taphatte siin taphadhaa. Koottu gadi naaf bu’i” jedhee hamma danda’utti konkolaataa duukaa fiige. Akka waan miilaan fiigee konkolaataa qaqqabuu! Wal’aansoo tasaa…

“Ahaa!! Kunis jabaattekaa! Amma lolu isheetii? Hahahaha tafkiin kun… ‘akka qotiyyoon goobaatti raachi fafattaate’ jedha Oromoon. Ana Dr. Beenyaa waliin akka waraanatti seente yaadadhu. Sin agarsiisa, sin agarsiisa. Ani Dr. Beenyaa miti” jedhe Dr. Beenyaan miilla isaan fireenii konkolaataasaatti ejjetee harkasaa lamaan aboottatee qajeelchaa(#Marii) konkolaataa isaa rurrukutee. Miira aariin gara mana isaa, gara magaalaa Hararitti konkolaachisuu eegale.

Galgala gaafasii Dr. Beenyaan dhugaatii baay’ee waan dhugeef halkan guutuu osuu maraatuu bule. Margaa kiyyoosaatii galfachuun adeemsa isaa jalqabaa akka ta’es irra deddeebisee ofitti hime. “Hidda jiidhaatti maru, gognaan qabaanshii ni ulfaata amman si agarsiisa” jedhe. Halkan sana guutummaas akkaataa itti Margaa booji’uu fi akka itti Faanosee argatu yaadaa bule.

Erga ani Mooraa dhiisee bahee Margaan yeroo hundaa bakka koo bu’ee Faanosee jajjabeessa. Hiriyaa gaarii ta’uu isaas cimsee hojiin agarsiisa. Adaraa ani gaafa mooraa gadhiisee bahu barreeffama ergaa gabaabaan dhaameef yeroo mara yaadata. “Margaa, ati anaaf hiriyaa, obboleessaa fi gaaddisa kooti. Kanammoo yeroo danuu natti agarsiifteetta. Har’as gargaarsa keen barbaada. Ani akka kaleessaa birmadummaa hin qabu. Mooraa keessa seenuuf eeyyama hin qabu. Mooraan ala akka garaa koo socho’uuf wabii jireenyaa hin qabu; yeroo hundumaa jireenya ari’atamummaan jiraachaa jira. Tokkittii koo Faanosee, kanan daqiiqaaf illee irraa fagaadhee jiraachuu hin feene irraa dirqamaan fagaadheera.

Waan mara keessatti waan ishee mudatu hin beeku; kophaasheeti. Waaqayyoon biratti adaraan sirra kaawwadha. Faanosee cinaa naaf dhaabbadhu, gargaarsi kee ishee barbaachisa. Bineensi sun mangaagaa isaatti galfatee jennaan harkaa baasuun ni ulfaata. Gaafan kana siin jedhummoo Dr. Beenyaa waliin waldhaansoo qabi siin jechuu koo miti. Of eeggadhu, walitti bu’insa kamiyyuu keessatti hin hirmaatiin. Biiroo Dr. Beenyaa dhimma kamiifiyyuu kophaa kee hin seeniin”.

Margaan Faanoseef jajjabina ta’ee barnoota isaanii itti fufan. Yeroo tokko tokko suuta jedhanii bahanii waliin ana bira dhufuun taphatanii deebi’u. Haa ta’u malee dararaan Dr. Beenyaan kallattii garaagaraatiin Margaa irraan gahu, Margaan akka barumsa isaarratti xiyyeeffannaa hin kennine isa dhorkeera.

Jimaata gamana Biqiltuun akkuma amalashee yeroo hundaa biiroo Dr. Beenyaa dhaqxee waanta kaleessa uumame hunda Dr. Beenyatti himte, innis waan isa mudate mara tokko lamaan itti hime. Dhugaatiinsa irra haa buluu, haa maraatuu, dhimmi Margaa hamma kana isa haa cinquu ammallee qalbiitti hin deebine Dr. Beenyaan.

“Biqiltuu dhimmi kun yeroo dhiyootti tasgabbeeffamuu qaba. Ta’uu baannaan rakkoo baay’eetu uumama. Kanaaf Margaarratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Tarkaanfii cululuqaa”. jedhe Dr. Beenyaan. “Tarkaanfii, Tarkaanfii… Tarkaanfii cululuqaa! Tarkaanfii akkam?” jette Biqiltuun.

“Biqiltuu, Margaaf Iskoolaarshiippiin kennamuufii qaba. Kun murtee dirqama raawwachuu qabudha”. “Iskoolaarshiippii akkamii? Kunimmoo gonkumaa hin ta’u malee… Carraa guddaan kun akkamiin akka salphaatti kennamaaf… tooftaa biraatti yaadi Doktor” jette Biqiltuun. “Biqiltuu, Iskoolaarii barumsaa siin jechaa hin jiru; Margaan Iskoolaarii argatee dachee kanarraa ka’uu qaba. Kanaaa ol lola fokkisaa keessa seenuu kiyya” jedhe Dr. Beenyaan.

Biqiltuun dhimma tarkaanfii akkasii keessatti hirmaattee waan hin beekneef baay’ee naate. Haa ta’u malee yaadni Dr. Beenyaan fide gaarii fakkaatee waan itti mul’ateef irratti walii galte. “Doktor, Tarkaanfii kana fudhachuun salphaadha. Garuu itti-gaafatamummaasaa eenyutu fudhataa?” jette Biqiltuun.

“Biqiltuu, isa hin yaadda’iin. Karaan ittiin yakka nama biraa godhu dursee haala mijeesseen jira” jedhe Dr. Beenyaan. “Akkamitti? karaa akkam?” jette Biqiltuun. “Biqiltuu, waantan amma sitti himaa jiru kana iccitiin qabi. Guyyaa kanaan dura biiroo kiyya keesssatti Gaaddisaan na reebuuf yaale sana waraqaa eenyummaa (College ID) isaa biiroo kiyyatti gatee bahe. Kanatti fayyadamuun yakka kana gara isaatti naannessuuf akka ragaatti gocha uumuu nan danda’a. Hin sodaatiin” jedhe Dr. Beenyaan. “Eenyu kana hundaa raawwachuu danda’a?” jette Biqiltuun.

Dr. Beenyaan takka itti yaade, ammas itti yaade. Kana raawwachuuf gargaarsi Faanosee akka isa barbaachisu hubate. Garuu akkamitti? Faanoseen yakki kun Gaaddisaatti haa naanna’u jettee eeyyamtii? Isa Dr. Beenyaatu beeka. Garuu Faanoseen iccitii kana beekuu dhiisii shakkuullee akka hin qabne yaade.

“Biqiltuun waan hundumaa gochuu ni dandeessi. Faanosees karaa kanaan nan qabadha. Isheenis hamman kana raawwadhutti osuu hin jaalatiin na gargaarti. Dhumarrattis gaafan Gaaddisaa mana adabaa (Prison)tti darbachiise, Faanoseen osuu hin jaalatiin gara koo dhufti” jedhee yaade.

KUTAA 5FFAA


“Biqiltuu, ergama kana raawwachuuf carraa fi humna jabaa kan qabu si’i” yoo jedhu, “Maal? Akkamitti? Anatu humna qabaa? Akkamittan kana gochuu danda’a? Doktor itti yaaddeettaa?” jette Biqiltuun.

“Biqiltuu tasgabbaa’i. Dursa na dhaggeeffadhu. Ati amma Faanosee bira deemtee dhiifama gaafatta. Itti aansitees Margaa dhiifama gaafachuu akka barbaadduu fi akka jaalattu itti himta. Achiin booda Faanoseen Gaaddisaaf bilbiltee waan ati itti himte mara Gaaddisaaf himti. Gaaddisaan Margaaf bilbilee Margaa surprise godha. Bakka itti wal argitanii fi sa’aa itti wal argitan itti hima. Biqiltuu xiyyeeffadhu, Margaan afaan keerraa yookaan Afaan Faanoseerraa dhagahuu hin qabu. Gaaddisaatu bilbilaan itti himuu qaba. Kun ragaa lammaffaa ittiin yakka gara Gaaddisaatti jallifnudha. Ofeeggannoon raawwadhu” jedhe Dr. Beenyaan.

Biqiltuun waan jedhame mara raawwachuuf itti walii galte. “Bakka bulu hin beekuu gudeelcha hoofa” jedha oromoon bishaaniin. Biqiltuun maal akka dalagaa jirtu waan beektu natti hin fakkaatu. Margaarraa jibba maalii qabdi? Kaayyoon Dr. Beenyaa maal akka ta’e beektii?

Biqiltuun faanosee bira deemtee waanta raawwachuuf waadaa galte mara goote. Dhiifama gaafatte, dhimma Margaa wajjin raawwachuu barbaaddus akkuma itti himametti tokko lama jettee Faanoseetti himte. Faanoseen waan kana guutummaatti amanuu hin dandeenye. “Intalli kun maal gochuuf yaalaa jirtii? Ni qoostimoo dhuguma margaa jaalatteetuu? Dura maaf akka ulee ud**nii jibbitee? Ammawoo maaltu maal taanaan nan jaaladhe jettii?” osuu jettuu jecha margaa isa gaafa osuu laaqana nyaatanii sana yaadatte, “Faanosee, dhiphadhee akkan sin dhiphise nan beeka. Sababa isaa beekuu baadhullee, isheen na jaalachuu fi na kabajuu baattullee ani Biqiltuu irraa garaa kutachuu hin dandeenye. Tarii ni gaabbiti ta’aa, dhugaan koo galuufii mala ta’aa mee yeroo muraasaaf obsee haa eegu” … “margaa!!” jette Faanoseen waan dubbattu wallaltee. “Kuni wayi! Hmmm. maalifimmoo akka Gaaddisaan bilbilee itti himu barbaaddee? Yaa waaqayyo ati shira kanarra nu oolchi” jette ofitti guungumte Faanoseen.

Biqiltuun garuu mudditee ishee kadhatte, haxxummaa Dr. Beenyaan ishee gorsetti fayyadamtees Faanosee garaa laaffifatte. “Maaloo Faanosee, yeroon ani kanaan dura gubeyyuu baay’ee na gaabbisiisee jira. Amma yeroo fudhachuu hin barbaadu, Na gargaari. Akkuman siin jedhes naaf godhi. Amma Gaaddisaadhaaf bilbili.” jettee Faanosee jabeessitee dirqisiifte Biqiltuun. Faanoseen shakkituyyuu waan Biqiltuun amala kanaan dura agarsiiftee hin beekneen ishee kadhatteef garaa laafte. Faanoseen gaaddisaf bilbiluuf bilbilashee gadi fudhattee bilbiluu eegalte.

Ha ta’u malee bilbilli Gaaddisaa yeroo sanaaf hin qaqqabamu. “Sorry! The number you dail is not availbale now. You will receive a notification message when the subscriber you call become available” jetti oppireetarri Itiyoo Telekom. “Maaloo irra deddeebi’ii yaali. Carraan kun har’a darbinaan harka harka jejjettii. Maaloo Faanosee” jette Biqiltuun. Haa ta’u malee irra deddeebite yaaltus bilbilli koo qaqqabamuufii hin dandeeenye.

Yemmuu kana faanoseen baay’ee dhiphatte, sammuun ishee isa duraa caala shakkiidhaan guutame. “Bilbilli Gaaddisaa maaf cufame? Maal ta’e? Intalli kun maal gocha jirtii? Har’a malee carraa hin qabuu? Maal jechuudha? Naaf hin galle…” jetti miira olaanaa keessa seentee Faanoseen.

Biqiltuun akka nama konkolaataa eegee dhabee aduun itti lixee qorri isa waadee asii fi achi susukkuumamaa waan qabattuu fi waan dhiiftu wallaalteetti. Faanoseen osuma Bilbila Gaaddisaa yaaltuu Tajaajjila yeroo sararri baname na yaadachiisi jedhu naaf keessee dhaabbatanii wal ilaaluutti ka’an. “Faanosee, ani har’a abdii hin kutu; Margaa argachuun qaba. Dhimma kanammoo dursee kan itti himu qabu yoo Gaaddisaa ta’e qofa milkaa’uu danda’a. Kanaaf xiqqoo haa eegnu, hin hifatiin” jette Biqiltuun. Dhaabatanii eeguutti ka’an; ni dhaabatu, ni taa’u, bilbila yaalu… yeroon baay’ee sokkaa jira.

Du’a hin oolanii dhumarra tajaajilli yeroo sararri baname na yaadachiisii Karaa ergaa gabaabaa Faanoseef seene. “Dear Customer, the number +251 922– — — you called on 4:22 PM is available now.” Erga Telekoom irraa ergamedha. Bilbilli koo banamuu isaaati. “Ufff! Baay’een dhiphadhe. Bilbillisaa banamuun waa tokko” jette Faanoseen bilbila koorratti bilbilaa… anis bilbila nan kaase, “Heloo Waanofii koo, akkam naaf jirta? Dhiifama bilbilli koo cufaa ture” n jedheen. “Rakkoo hin qabu bareedaa koo, xiqqoo yaaddaheen ture; ati nagadha mitii?” … “Ani nagaa kooti, ati nagaa keetii? Akkam akkan si yaade seete bareedduu koo…” “Gaaddisaa, waan hin amanamne tokkotu na harka jira” naan jette Faanoseen. “Maal? Maarree dhagahuuf baay’ee jarjareen jira. Naaf haa himamu moo argaa-dhageettii kafaluu na barbaachisa?” “Gaaddisaa, Biqiltuu wajjinan jira…” “Faanosee………!! maal?” n jedhe baay’ee naheen hariiroo Biqiltuun Dr. Beenyaa wajjin qabdu waanan beekuuf.

“Gaaddoo koo tasgabbaahi, oduu gaarii qabadheen jira. Biqiltuun waa maratti gaabbitee Margaa dhiifama gaafattee jaalalasaa keessummeessuu akka barbaadde nattimte.” “Ani kana hin amanu!! Akkamitti ta’uu danda’e? Faanosee, adda baasi. Dubbiin kun akka shira hin qabaanne!” n jedhe afuura sodaatiin guutameen.

“Gaaddoo, amma waan akkasii irraanfadhu. Amma garuu waan tokkoof si barbaadne. Oduu kana Margaan yoo sirraa dursee dhagahe waan bay’ee gammaduuf, dursee kan itti himuu qabu akka si ta’e yaada Biqiltuun akkan gargaaruuf na gaafattedha” naan jette Faanoseen. “Maalfaa akkan jedhuun barbaaddu?” jedheen anis. “Sa’aa itti wal arganii fi bakka itti wal argan dabalataan itti himta” jette Faanoseen.

“Kuni gammachuu hunda keenyaati. Waan amanuuf namatti ulfaatu ta’us milkaa’ina Hiriyaa koo arguu caalaa waanti na gammachiisu maaliree? Nan bilbilaaf, yeroo inni gammadee kolfus dhagahuun qaba” n ofiin jedhe. Akkuman jedhes Margaaf nin bilbile.

Margaa: “Heello! Gaaddisaa”
Gaaddisaa: “Helloo Margaa, akkam oolte?”
Margaa: “Nagaa kiyya Michuu koo, oolmaan akkami?”
Gaaddisaa: “Oolmaa koo guyyaa har’aa guutuurra oduu balballoomsuun isaa daqiiqaa tokkorra hin caalle kanin amma dhagahetu oolmaa koo guyyaa har’aatiin ‘baay’ee namatti tola akkan jedhu na taasise’. SURPRISE!!”
Margaa: “Ihim…! Maal dubbii akkas arboomsuun? Barumsatti deebi’uu akka dandeessu siif himan moo?”

Gaaddisaa: “Muuu…! mee waa’ee koo keessaa bahimee… inni dubbii dhumatedha. Har’i gammachuu keeti”
Margaa: “Gaaddoo, sammuu koo hin fannisiin, jarjarii nattimi waan ta’e”
Gaaddisaa: “Margaa…! Baga gammadde. Biqiltuun….”
Margaa: “Biqiltuun maal taate? Gaaddisaa………!”
Gaaddisaa: “Margaa, tasgabbaahi oduu gammachiisaadhaam bar! Biqiltuun dhiifama si gaafattee jaalala kee simachuu barbaaddi.”
Margaa: “Gaaddisaa, kun waan ittiin qoosanidhaa amma? Dhimma waggaa tokkoo ol sammuu koo jeeqaa ture, kan barumsa kootti dalga na galche, dhimma jireenya na jibbisiise… Natti qoosaa jirtaa?” jedhee miira aarii olaanaan bilbilasaa cufate.

KUTAA 6FFAA


“Margaa !!…. Margaa!!… tish!! Anawoo maaltu hamma kana na munaagsisee? Waanan Fiilmii hojjetaa jirun of se’emoo? Ecc!! Amma osuun deebisee bilbilee na jalaa kaasaa laata?” n ofiin jedhe hojii kootti gaabbee. Dubbii arbeessuun dhugummaa dubbii tokkoo xiqqeessuu akka ta’es nan yaade. Deebisees nan bilbile. Margaan bilbila hin kaasu. Aaruu isaati. Anis karaa ergaa barreeffamaa Margaa quunname, “Margaa, dhiifama, dubbiin koo qoosaa akka sitti hin fakkaanne. Please bilbila na jalaa kaasi.”

Anis irra deebi’ee margaaf bilbile. Margaanis bilbila ni kaase, “Margaa, ani akkatti miira keessa seenta hin seene. Amma kan naaf bilbile Faanoseedha. Yeroosimmoo Biqiltuu fi Faanoseen waliin turan. Kanaafis har’a galgala si arguu barbaaddi. Galgala erga irbaanni nyaatamee booda, naannoo sa’aa 2:00 irratti bakka dhaabbii konkolaataa Kolleejjii Qonnaa (College of agriculture) fuulduratti si arguu barbaaddi.” n Jedheen.

Margaan dhuguma hin seene. ‘Jaalataan qalbii hin qabu’ jedhama mitiiree? Waan dhagahe amma amanauu dadhabuutti gahe. “Margaa!! Qixa namaa ta’uu keeti. Maaf teessaa amma ka’i, qoqophaa’i malee… danqamaa! Har’a jireenya addunyaa kanaa tokko jettee eegalta! … Hmmmm Margaa, garuu waan tokkon si ajaa’ibsiifadha. OBSA KEE! Obsitee aannan goromsaa dhuguutti jirta. Congratulation!!” ofiin jedha Margaan akka nama qalbii buusee sagalee isaa olfuudhee. Sa’aa jedhametti bakka beellamaatti argamuufis qophii olaanaa godhe. Karaa beellama kabajuu dhiironni hin hamataman mitiiree?

Margaan irra deddeebi’ee sa’aa ilaala. Sa’aan hin deemuuf, sekondiin daqiiqaa, daqiiqaan sa’aatii itti ta’e, sa’aatiin lama guyya lama itti ta’e… dhugumayyuu dhamaatiin waggaa tokkoo olii yoo milkaa’uu isaa dhagahan akkam nama hin jarjarsine? Margaan dhugaa qaba!

Obsuu waan dadhabeefis dursee dhaqee bakka beellamaa sana bakka dhaabbii konkolaataarraa xiqqoo siqee bakka tajaajilli WiFi jiru taa’ee Biqiltuu eeguutti ka’e. Margaan miira muddamaa keessa jira, takka bilbila gadi baasa, boorsaa isaatti deebifata; ni taa’a, ni ka’a, oliif gadi deddeema…

Yemmuu sa’aa 2:00 ta’u konkolaataan suuta deemtu tokko bakka dhaabbii konkolaataa sana geessee dhaabbatte. Margaan konkolaatittii yaadaan caqasaa jira. “Eenyu kunoo? Sa’aatii kana bakka kana eenyutu konkolaataa dhaaba? Eenyu akka keessaa bu’u amman arga mitiiree?” ofiin jedhe. Gidduuttis akka nama aaruu ta’ee, “Gaaddisaa, na gowwoomsuuf yaalta taanaan hiriyummaan keenya asumarratti dhaabata. Itti yaadi” jedha akka waan Gaaddisaan bira jiraatee dhagahuu. Balballi foddaa konkolaataa gara fuulduraa inni karaa harka mirga fi balballi gara Margaatti aanu ni baname. Miila suuta jedhee keessaa gadi bu’uuf jedhu arge; miilla dubartiiti.

Gadi buutees fuulashee kallattii arfanitti ariitiin naannessite. Yeroos xiqqoo lafti dimimmisee waan tureef garuu fageenyarratti homaa hin argitu. Margaan garuu ammalee waan ta’aa jiru adda baafachuuf caqassaa jira. Biqiltuu ta’uu isheeti. “Hmm…. Konkolaataan kunoo kan eenyuuti? Kan Dr. Beenyaa?? No… konkolaataan Dr. Beenyaammaa kana miti, moo dukkanatu na wallaalchisee? Biqiltuu ofeeggadhu. Daba yaaddeetta taanaan ani sin dhiisu; garaan koos siif hin laafu; garuu ofeeggadhu, dilbii jaalala koos amman si quubsutti ofeeggadhu” jedhe Margaan sodaan liqimfamee.

Kabajamtoota dubbiftootakoo, Asoosama hiriyaa jaalattanii jirtuu? Amma immoo akka isin oolmaa tokko nuuf ooltan barbaadna. Link kanaa gadii tuqaatii Chaanaalii YouTube Ifargan Technologies Subscribe nuuf taasisaa. Video armaan gadii channel keenyarraa argattu. Galatoomaa!

Konkolaachisaa konkolaataa sanaa adda baafachuufis baay’ee dhama’e; garuu konkolaatittiin baay’ee achi hin turre; ibsaa ishee dhaamsee suuta deemaa karaa irra dhuferra deebise konkolaachisichi. Ammalee Biqiltuun Margaa argaa hin jirtu yaaduma olii gadi mimil’atti malee. Har’a Margaan Biqiltuu baay’ee sodaate. Ergama addaaf garasaa waan dhufte itti fakkaate.

Haa ta’u malee ‘Jaalalaaf wareega kaffaluun gootummaadha!’ jedhee waan amaneef gara biqiltuutti adeemuuf murteesse. Garuu jaalala akkamiif aarsaa akkam? Walmadaaluu hin qabuu? ‘Yaa gowwaa, si afuufuun si liqimsuufi’ kan jedhamus Margaaf hin galu. Hmmm… jaalalakaa! “Yaa waaqayyo, har’a ani sodaadheeraa na eegi” jechaa gara Biqiltuutti qajeele Margaan.

Osuu isheen fuulashee olii gadi naannessitee barbaadduu Margaan duubaan dhaqee “Biqiltuu” jedheen. Biqiltuun ofirra naannoftee yoo ilaaltu Margaadha. Akkuma isa argiteen boo’uu eegalte. “Margaa, dhiifama naaf godhi. Baay’ee si miidheen jira, jaalala dhugaa ati naaf qabdun balfe. Amma baay’ee gaabbeera, dhiifama naaf godhi” jetteen boquu ishee cabsitee akka nama gaabbiin olaanaa itti dhagahameetti.

Margaa kutaan qaamasaa marti gargar diiggate. Jecha ‘Dhiifama’ jedhu afaan Biqiltuu irraa dhagahuu isaatiinis gammadee akka ta’u dhabe. “Dhugumaa kun Biqiltuu? Sumatu akkas naan jechaa jiraa? Koottu bareedduu koo” jedhee ofitti qabee hammatee dhungate. Isa waggaa tokkoo oliif abbalaa tures, hammatee bobaa isaa jala galfatee maddii maddii ishee irra, kokkee kokkee isheerra dhudhungachaa dharraa isaa bahuu eegale. Kanumaan wal hammatanii wal fudhatanii bakka dawoo kolleejjii qonnaa duuba jiru karaa fuuldura Istaadiyoomii moofaatti naanna’anii tataa’an.

Waantota darban hundumaas kaaasanii haasawan. “Margaa koo” jette Biqiltuun gidduutti… “eeeh” jedhe margaan… jecha isheen ‘Margaa koo’ jetteeniin booji’amee ofitti qabee dhungachaa. “Bilbila kee cufi, anis nan cufaa. Namni tokkollee bilbilee akka nu jeequ hin fedhu. Har’a akka fedha keenyaatti waliin taphachuu qabna” jette Biqiltuun. Margaan bilbilasaa gadi baasee cufee boorsaa isaatti deebifate. Ajajadhakaa! Amaluma keenyawoo… ayi dhiiraa! Osuu amma dubartiif ajajamu waaqaaf ajajamee yoona eessaaf eessa jira laata? Biqiltuunsi bilbila ishee gadi baaftee, “Dhiifama margaa, ijoolleen doormii waan yaadda’aniif dursee ergaa barreeffamaa kaa’uufiin qaba” jettee bilbila isheerratti SMS barreessuu eegalte.

“Bakkuma dura ati itti konkolaataarraa na buufte sana gamoo dugda duubatti naannofnee teteenyeerra; ofeeggannoo godhi garuu…” jettee ergite. Ergichi kan ergameef Dr. Beenyaadhaaf, Ergamashee raawwachuu jalqabuu isheeti. Kanas akkuma Dr. Beenyaan ishee ajajetti goote malee ofiishee hin kalaqne.

KUTAA 7FFAA


Sekondiif daqiiqaan akka duraa miti, amma akka bubbee saffisuu eegalan. Biqiltuun har’a baay’ee haasofti. Kanarraa kan ka’es qalbiin margaa guutummaatti sassaabamee harkasheetti galeera. “Biqiltuu, ani guyyaan kun ni dhufaa jedhee gonkumaa yaadee hin beeku; garuu hawwii koo ture. Har’a garuu gammachuun koo daangaa hin qabu” jedhee harkashee qabee dhungate, kokkee isaa jalas kaawwate, Laphee isaarra kaa’ees dha’annaa onnee isaa dhaggeeffachiisuu eegale. Biqiltuu garaan hammaachuu eegale; garuu ergamni dirqamaa fi ofeeggannoo guddaan waan itti kennameef waan gochuu dandeessu hin qabdu.

“Hammumaan kanallee osuun du’ee hin gaabbu” jedhe Margaan… “Ihim…! Beekkatte” jette Biqiltuun sagalee xiqqoo afaan ishee keessaa humna jabaan dhiibamanii bahaniin. “Maal?” jedhe Margaan. Na dhagaha jettee yaaddee waan hin dubbanneef Biqiltuun baay’ee naate. “Wayyoo, dhiifama!! Yaadaan badeetanii. waantotan kanaan dura sitti balleesse yaadadheen garaan na boora’ee dhiphadhe” jette Biqiltuun. Ay mala dubartii! Dubbii arraba jalaa fudhatuu kan jedhan dhugumaam.

“Hin dhiphatiin bareedduu koo, hundisaa siif dhiifameera. Tarii gaarummaafi ta’a!” jedhe Margaan haasaa Biqiltuu har’aatti baay’ee raajamaa.
“Har’a maaltu akkas ishee haasofsiisaa? Moo nama biraatu Biqiltuu fakkaatee natti dhufee? Biqiltuun intaluma Tish! jettee kaballaan gurra na keessaa buqqifte sanatu har’a sgalee jaalalaa na dhageessisaa jiraa? Ihim…! Yaa rabbi, kun hojii kee yoo ta’e malee hin amanu” ofiin jedha.

Halkan keessaa sa’aa 3:00 ta’e, 4:00 ta’e…, 4:30 ta’e. Margaan Biqiltuu jilbasaarra ciibsee fuulashee keessa ilaalaa waan garaa waan garaasaa mara waliin haasawa. Ija ijashee fi hidhii hidhiishee ilaalaa dhudhungata. … Amma Sagaleen konkolaataa suuta deemtuu tokko gurra Margaa seente.

Margaan xiyyeeffannoon dhaggeeffachuu eegale. Dhumarra sagaleen konkolaataa kun osuu gadi hin bahiin osuu xis ximbis hin jedhin waan dhaabateef, konkolaataan dhaabachuu ishee mirkaneeffate. Miira dammaqaan naannosaa to’achuu eegale. Sodaan guddaanis isa raase.

Sagaleen kophee Qac! Qac! Qac! jedhu amma gurra Margaa lixe. “Biqiltuu, ka’i, Ka’i bakka kanaa deemnaa… Har’a baay’een sodaataa jiraa” jedhe Biqiltuu butee yoo Margaan lafaa ol ka’u, “Dhaabadhu! Hantuutittii kiyyoo senteettaa… Asii fi achi hin jedhiin, Miliquufis hin wixxifatiin, osuu yeroon kee hin gahiin duutaa” jedhe Dr. Beenyaan shugguxii adda Margaatti xiyyeessee.

Margaan baay’ee rifate. “Biqiltuu… na gowwoomsitee? Jaalalaan sakaaltee na galaafattee? Jaalala da’eeffattee summii naaf qopheessitee? Maalan si godhe? Maalan sitti balleesse? Si jaalachuun koo dogoggorsa turee? Diina kiyya si godhee? Gaaddisaa…! Gaaddisaa, atis irratti walii galtee?” jedhee osuu inni mataasaa ofirraa ciruu, “Raawwadhu Biqiltuu” jedhe Dr. Beenyaan.

Biqiltuun cuubee bobaa ishee jalaa luqqifattee mar’imaan Margaatti laphee isa jalaan itti maxxansite. Margaan lafa dhahe. Afuura baasuus hin dandeeenye. “Kana qorichi kee! Sitti himnaan diddekaa… Adurreen leenca wajjin wal’aansoo qabde kanuma dhumnishee, dhaqi kunoo!!” jedhe Dr. Beenyaan shugguxii isaa boorsaa isaatti deebifachaa.

“Koottu cuubee kee achumatti gatiitii” jedhe Dr. Beenyaan Biqiltuun. Fageenya meetira shan(5m) bakka Margaan itti kuferraa siqaniis waraqaa eenyummaa Gaaddisaa lafa buusanii gara konkolaataa Dr. Beenyaatti deebi’an.

Dr. Beenyaan battaluma sanatti Biqiltuu fudhatee mooraa gadhiisee gara magaalaa Harariitti konkolaachisuu eegale. Dr. Beenyaan gara jabummaa Biqiltuu yaadaa, “Amma ati anas osuu konkolaataa kana keessatti na jeennachiiftee wabii maalan qabaa? Hundaafuu hojiin kee har’aa si badhaasisa” jedhe qoosaatti qabee. Biqiltuun jajuu Dr. Beenyaa yemmuu dhageessutti baay’ee gammaddee, akka malee kolfite. Ajjeeftee gammaddi, guyyaa boruu yaadaa hin jirtu… qomooshee keessaa nama tokko akka hir’ifte gammadii!

Mul’anni isheen Margaa waliin ajjeefte isheetti mul’ataa hin jiru. Garuu baay’ee gammadduudha. Daqiiqaa 30 booda magaalaa Harar gahan. Osuu bakka mana Dr. Beenyaa hin gahiinis Ras Hotel_ttii bu’an. Mana siree qabataniis dhugaatii ajajatan. ni dhugan, ni dhugan, ni dhugan… hamma of wallalanitti dhugan, hamma halkan keessaa sa’aa 8:00tti dhugan. Guyyaa injifannoo isaaniitikaa…. Ayyaaneffata! Guyyaa ajjeesan ayyaaneffatu, guyyaa cabsan ayyaaneffatu! Waan haasawanii fi waan gochaa jiran beekuu baatanillee lameen isaaniiyyuu miiraan nama dachee kanarra dhaabachaa hin jirre fakkaatu. Ni kolfu, ni wacu…

Sa’aa 8:00 yoo ta’u wal qabatanii asii fi achi daddarbatamaa, kufanii lafa qabachaa, wal harkisaa-wal kuffisaa gara kutaa siree isaaniitti qajeelan. “Biqiltuu, har’i guyyaa itti diina keenyarra oollee fi guyyaa itti jaalala keenya wal dhamdhamachiifnudha” jedhe Dr. Beenyaan arraba machiin takaaleen asii fi achi daddarbatamaa. Biqiltuunis dhugaatiin eenyummaashee keessaa waan baateef maal akka gochaa jirtuu fi maal akka haasawa jirtu hin beektu. “kkkk Si malee maalan qaba? Koottuu sireerratti ol na baasi nan dadhabee” jette Biqiltuunis gigiinga’aa…” Walaqbatanii sireerratti kufan. Hamma bariin guyyaa sanbata duraa bari’uttis fedha foon isaanii ni raawwatan.

KUTAA 8FFAA


Har’i sanbata duraadha. Dhugaa dubbachuuf eessa akkan jiru hin beeku. Maal akkan hojjechaa jirus hin beeku. Garuu Waanti natti mul’achaa jiru yoo jiraate namicha qaamaan guddaa, garuu kutaaleen qaamotasaa addaan bahanii hin beekamne, gubbaa irraa hanga dakaatti uffata dheeraa miila tuqu uffatee mataa isaatti haguuggatee ija isaatti fuullee ijaa (Manasxirii) godhatee, teessoo gara kootti bubbutatee na fuuldura taa’ee jiru, yoo inni gaaffilee akka balaa saffisa borofaan na sardee na joonjessuu fi dhukkubbiin mataa olaanaan natti dhagahamudha.

Haa ta’u malee waanti ta’aa jiru tokkollee naaf gala hin jiru. Waantan gaafatamaa jirus beekee hin deebisu, nama baay’ee ta’een ofitti mul’adha. Fuuluma ana fakkaatuun of cinaa taa’ee gaafan ofitti mul’adhu waantan daawwitii keessatti of ilaalaa jirun se’a, abjuus natti fakkaata. Sodaa guddaan keessa koo raaseera, qaamonni koos roqomaniiru, Arrabni koos na xaxameera, gaaffiin gaafatamaa jirus deebisuuf humna argachaa hin jiru.

Namtichi na fuuldura taa’ee jiru sun Garuu eenyummaasaallee osuu naaf hin ibsiin gaaaffiin na sarduu addaan hin kutu, arrabni hin dadhabu. Qaama isaatiin baay’ee sosocho’a, luka isaatiinis lafa sukkuuma, teessoo irra taa’ee jirus asiif achi raasaa qiqiiq qiqiiq godha. Nama aarii humnaa olii qabu fakkaata. Ani Garuu rafaan jiraa, dhaabachaan jiraa fi taa’een jiraa waantin of beeku hin jiru. Reeffa! Reeffa gogaa!

Akkas jechuun osuu walirraa hin kutiin gaggabsee na gaafata. “Gurbaa…., ati eenyu? Eenyu jettee of waamta? Namoonnoo eenyu jedhanii si waamu? Eessa akka jirtu beektaa amma? Maal akka hojjetaa jirtuwoo beektaa? Ati kun amma lakkoofsa namaa keessan jira jettee of tilmaamtaa? Hahahahahaha! kkk! dubbadhuka. Du’aa!! maaf of dhiibda? Maaf of-tuulta? Maaf tulluun of qixxeessuuf miixatta? Hahahahahaha! Sobduu! duwwaa! Mee amma osuun waan ittiin of jajuu dandeessu tokko himi siinjedhee maal himtaa? Yeeeee?? Hahahahahaha!!” jechuun osum kolfuu gidduun nyaarasaa suntur! Gochuun na ilaala.

Mar’imaan na wadame. Ilkaan koo Gac Gac Gac godhee wal na reeba. Rifeensi mataa kootii ol kaka’ee dhaabata. Garaan koo na boo’e. Nan iyya jennaan akka waan harki namaa kokkee koo na hudhee jiruun humna dhaba, ijji na keessaa babahuuf gadi dhiibamaa jira. “Wayyookaa!! Nan maraadhemoo?? Maalan ta’ee? Wayyookaa Wayyookaa!” jedheen keessa kootti boohe, Garuu sagalee ol baasuu hin dandeenye. Namtichaafis gaaffii eessaan haa deebisu? waraanameen humna dhabee obsaa jira. Uffff! Qomni koo na qoomma’ee na cabeera, arrabni koos na goggogee jira, na dheebessa, Garuu bishaan argachuu hin dandeenye.

Namtichi ka’ee mana keessa nanaanna’uu eegale. As deema, achi deema, hahahahahaha, kolfa baacaa! kolfa sooressaa! Giddumaanis fuulasaa gara kootti naannessee, nyaarasaa guduunfee ija hamaan na ilaala, na sodaachisuuf yaala. “Maalii yaa waaq? Maalan balleessee? Maalan yakkee? Maaltu natti ergee? Eessaas natti dhufee? Maaliifis natti dhufee? Waa’ee kootiifis maaf gubatee? Eenyudhaa inni? Maaloo namni naaf birmatu hin jiruu? Ani homaa fira hin qabuu? Hiriyaawoo? Meerre warrin dur wajjin nyaadhee wajjin dhugu? Maaf na gatanii? Maafan qofaatti hafee yaa waaqayyo? Eenyu cinqii kanaa na baasaa?” osuun keessa kootti ofiin jedhuu imimmaan ija koo irraan lolaa ta’e, Garuu sagalee baasuu hin dandeenye.

Namtichis gara kootti adeemee gateettii koo gam!! Godhee na qabee, “hahahahahaha!! Hin boossaa? Gurbaa… hin dubbattuu? Hahahahahaha!! Callisuun waan furmaata siif ta’u sitti fakkaachaa jiraa? Sa’a wayii! har’a sin dhiisu, booyi, iyyi, maraadhu, sin dhiisu! Of ibsi, si mitii ka nana malee namni hin jiru ofiin jedhu? Si mitii gootni? Si mitii kan tulluun of safaru? Hahahahaha!! Dubbadhuka.” Naan jedhee natti baaca.

Humni koo laafaa dhufe. Haa ta’u malee aariin koo ittuu itti caalaa dhufe. Itti utaaluufan jedha, Garuu socho’uu hin dandeenye. Dubbadhee aarii koo bahuufan wixxisa, Garuu sagalee hin qabu. Imimmaan koo Garuu hin dhaabbanne. Keessa kiyyattimmoo “maaf nan rukutuu? Maaf nan dhahuu? Maaf nan ajjeesuu? Maaf jiraatti na gubaa? Wayyookaa wayyookaa!” jedheen booha.

Namtichi ammas jebeessee nyam godhee na qabee, “daddafi yeroo hin qabuu, dubbadhu, Maalummaa dhiiraa bartee? Addunyaan kun firiiwwan akkamii akka biqilchuu dandeessu bartee? Akkuma yeroo waanti marti namaaf guute oftuuluun, ofiin dhaadachuun, fuula namaatti tufuun, gateettiirraan nama ilaaluun jiru sana, boo’uun, ilkaan qaruun, watwaatanii birmannaa dhabuun akka jiru hubattee? Hahahahaha!! Mixii!! Tafkii!! Qubasaa lamaan walitti rigee shimdididid shimdididid godhee akka nama geergoo ajjeesuu, ati kana!! Of hin sobiin, sobduu!! Iddoo itti dhalaterraa kiiloomeetira meeqa fagaattee deemtee beekta? Dhiira argitee beektaa? Hin beektu. Surree hidhatee garaa dhiibee kan deemu hundi dhiira sitti hin fakkaatiin. Hahahahahah!! Akkan ani si dhiisu yoo barbaadee gaaffin ani si gaafachaa jiru dafii deebisi. Kanaa achi ani sin dhiisu, sin ajjeesu! Gaafas dhalachuu kee jibbita. Ijoonni kee lamaan boo’icha irraa kan ka’ee jamanii gamaa gamana arguu dadhabda. Sammuun kee si keessaa fudhatamee maraataa taata! Garuu fira siif birmatu, kan si hidhu, kan huccuu sitti deebisu hin argattu, bineensi si nyaatus hin jiru. Du’a hawwita Garuu hin duutu, ni watwaatta Garuu furmaata hin qabdu.” Naan jedhe.

Sodaa olaanaan jireenya koo raase. Jireenya koofis abdiin kutadhe, Hiriyoota kiyyarraa abdiin qabus nan kutadhe. Haa ta’u malee amma suuta suutaan sagalee koo banachuun danda’aa dhufe.” Maaloo na dhiisi, Maaloo ati haadhoo hin qabduu? Maaloo ati ilma dhiiraa mitii? Maaloo nan gidirsiin… yoo dirqama ta’e daddafii na ajjeesi” n jedheen sagalee abdiin keessatti du’een boo’aa….

“Hahahaha na ajjeesi jettee?” jedhee kobbortaa isaa keessaa shugguxii gadi fudhatee, fuula isaarraa haguuggii fi fuullee ijaa yoo fuudhu nan adoode, lafan seenus nan dhabe… akka korma sangaa biyya ormaa dhaqeen ta’e, afuurri koo ol hudhame, harkiif miilli koo na takaalame. Dr. Beenyadha…. Ari’ataa koo, isa jireenya kootti dhagaa guru isa dhagaa sana.

“Si ajjeesuu?” jedhee shugguxii isaa adda koorratti aggaammatee… “Amma duuteetta! akka duutetti yaadi! Kanaan booda Faanoseen kan kooti. Ati carraa kee deemii biyyee keessaa barbaaddadhu… Akka tasaa waa’ee kee yoo na gaafattewoo maal itti siif himu? Margaattoo maal dhaammatta?” naan jedhe. Anis onneen koo na dhiige, aariin takaalamee tuf!! Yoon lafaa ol jedhu Shugguxii qabatee jiru adda kiyyarratti Balaq!! Yemmuu godhun hirribarraa bir! Jedhe.

Abjuu ta’uu isaati, sagaleen rasaasaa ani dhagahee ka’e garuu abjuu miti. Dhuguman sagalee dhagahe, Sagalee kiw kiw kiw jedhu… Ganama gara barii jala naannoo sa’aa 11:30 ti, Balbala mana kiyyatu rukutamaa jira. Abjuun argeen wal qabsiiseen baay’ee sodaadhe. “Dr. Beenyaa, abjuun na akeekkachiiftee hojiin na agarsiisuuf dhuftee?”n jedhe. Balballi mana kiyyaa ammas irra deebi’amee rukutame. Osuman sodaan akka bishaanii qal’adhee jiruun daddafee kophee fi surree kiyya godhadhee “eeyudhaa?” jedhe. “Bani ani Poolisiidha, sin barbaada” naan jedhe. “Wayyookaa, yaa anaa!! Maltu ta’ee? ….. Wayyookaa? Margaatu Dr. Beenyaa irraan miidhaa gahemoo? Dr. beenyaatu yakka sobaan mana murtiitti na himatee, moo…, moo…” Osuman jedhuun balbala duraa bane.

KUTAA 9FFAA


Uffata poolisii federaalaa guutummaatti uffatanii meeshaa waraanaa qabatanii ol natti seenan, tilmaamaan nama kudhanii ol ta’u. Ija babaasanii na ilaalu hundisaanii. Inni fuuldura seene tokko meeshaa isaa aggaammatee waan olseeneef fuuldura koo dhaabatee, “Gaaddisaa Morkataa sidhaa?” Naan jedhe. Anis, “Eeyee Gaaddisaa morkataa anuma; garuu maaltu uumame” n jdheen tilmaamaawwan shakkii kootii itti yaadaa.

“Kaleessa galgala mooraa yuunivarsiitii Haramayaa keessatti tilmaamaan naannoo sa’aa 4:30 irratti Barataan Margaa Qajeelaa jedhamu meeshaa qaraa sagalee hin qabneen waraanamee du’ee waan argamee fi bakka reeffisaa kufee turetti waraqaan eenyummaa kee waan argameef yakka ajjeechaa kanaan shakkamteetta” naan jedhe.

Waantan dhagahaa jiru amanuu hin dandeenye. Margaa qajeelaa hiriyaa kooti; koodee koo waa maraa… “No… No… kun gonkumallee hin ta’u. Ani Margaa gonkumallee ajjeesuu hin danda’u. Koodee koo eenyu galaafatee? Margaa… maaltu si argatee maaloo? Wayyookaa… wayyookaa!” jedheen iyye, ofan wallaale. “Amma callisi! Inni ati summiin laaqxee dammaan maraguuf yaala jirtu kun waan siif milkaa’u sitti fakkaataa? Amma daddafii qabattoo fi hidhaa kophee kee hiikkadhuu harka keetti qabadhu” naan jedhe ija natti babaasaa…

Na fuudhaniis gara mana murtii Aanaa Haramayaatti na qajeelchan. Sammuun koo waan amanee waan dhiisu wallaaae; waan amanee waan shakkus wallaale. Anis akka nama maraateen iyyaa deema. “Faanosee…. Faanosee!” n jedhe sagalee olkaasee osuun of hin beekiin waantota kaleessa galgala akka ta’u natti himtee Margaa akkan beellamu na goote yaadachaa… Amma shakkiin koo guutuun Dr. Beenyaa irra jiraatullee akka Faanosee fi Biqiltuun harka keessaa qaban guutummaattin shakkuu eegale.

“Dhaaphu!!” naan jedhe tokko daddafee fuuldura kootti darbee qawwee baatee jiru natti qabee… Nan dhaabadhe. “Eenyu Faanoseen?” naan jedhe. Nan nahe. Akkan maqa Faanosee dhahe ani garuu hin qalbeeffanne… “Amma si’a lama Faanosee… Faanose jettee turte. Faanoseen eenyu?” naan jedhe kokkee koo jalatti uffata koo marmaree qabee. Baay’een sodaadhe, nan raafame… “Akkamitti afaan koo keessaa bahee maaloo? Sammuun koo nagaa hin qabuu?” jedheen ofitti aare. Garuu hundisaanii na muddan, kaan na dhaha, kaan na doorsisa. “Himi, daddafi; Faanoseen eenyu?” naan jedhu waljalaa qabanii… Haa ta’u malee ani deebii hin kennuuf. Osuu na daddarbatanii Mana murtiin nagahan.

Dr. Beenyaa fi Biqiltuun lafuma dadhabanii, bubbututanii ciisanitti lafti itti barite. Gara barii jala, Biqiltuun harkashii looftee gateettii Dr. Beenyaarra yoo keewwattu Dr. Beenyaan lafa ciisee jiruu tuf! Jedhee olka’e harkashii qabee ofirraa darbatee… “Maali Dr. Beenyaa?” jette Biqiltuun naasuun.

“Biqiltuu na dhageessaa? Ammaa kaasii narraa fagadhu; Harka kee dhiigaan nan tuqiin. Ati lubbuu baaftee dhufte. Kanaafimmoo raga guddaan Faanosee ishee ati bilbila bilbilchiiftee waamsisiiftedha. Ani gonkumaa sin jaaladhu. Waantonnin hamma ammaattisi faana dabarse martinuu Faanosee hinaafsisee harka keessa galfachuufi malee si jaaladhee miti.

Waa’ee jaalala kees takkumaa yaadee hin beeku. Faanosee garuu baay’een jaaladha. Yakki kun garuu sababa keen natti dhufe, Sababa kee!! Amma ija koo duraa sokki. Gara mooraattin deebi’a jettee hin yaadiin; osuu harka seeraa hin galiin anatu si ajjeesa” jedhee darbatee sireerratti ishee kuffisee gadi bahe. Konkolaataa isaa kaafatees gara mooraatti konkolaachisuu eegale.

KUTAA 10FFAA


Biqiltuun akkuma siree irratti kuftetti goggogdee hafte. Daqiiqaa muraasa booda yoo of bartu kophaashii akka jirtu of argite, sammuunshii garuu guutummaatti hojjechaa hin jiru. Akka nama qalbiin tuqamee taate.

Jechoota Dr. beenyaa yaadatte, “Ani gonkumaa sin jaaladhu. Waantonnin hamma ammaatti si faana dabarse martinuu Faanosee hinaafsisee harka keessa galfachuufi malee si jaaladhee miti. Waa’ee jaalala kees takkumaa yaadee hin beeku. Faanosee garuu baay’een jaaladha.” Ammas ni yaadatte “Gara mooraattin deebi’a jettee hin yaadiin; osuu harka seeraa hin galiin anatu si ajjeesa”.

Jecha Margaas ni yaadatte,” Biqiltuu, ani guyyaan kun ni dhufaa jedhee gonkumaa yaadee hin beeku; garuu hawwii koo ture. Har’a garuu gammachuun koo daangaa hijn qabu”. Ammas ni yaadatte,” hammumaan kanallee osuun du’ee hin gaabbu”. Ammas ni yaadatee,” Ani baay’een si jaaladha. Jaalatamuun simboodha, simboon kennaa waaqayyooti. Namummaa koo tuffachuu dandeessa. Garuu Waanuman si jaaladhuuf qofaallee na kabaji. Ani hamma dhumaatti sin jaaladha”.

Jecha ofii ishees ni yadatte,” Tish!! Kun maal haasawaa gowwaan? Ati deemii baradhu, jireenya kee!! Hee…?? Beenu karaa koorraa gori, si faana haasawuu hin barbaaduu”. Ammas ni yaadatee,” Hoodhu deemii ittiin sooftii bitadhu”.
Jecha ittiin Margaa gowwoomsites ni yaadatte, “Margaa, dhiifama naaf godhi. Baay’ee si miidheen jira, jaalala dhugaa ati naaf qabdun balfe. Amma baay’ee gaabbeera, dhiifama naaf godhi” … “Ihim…!! Beekkatte!!”

U! u! u! u! u! jettee iyyite, boochee maraatee Bqiltuun, “Maaloo… Maaloo… Beenyaa na galaafattee? Ashangulliitii gootee naan taphattee? Beenyaa jireenya koo summiin faaltee? Beenyaa Jaalala intala tokkoof jettee lubbuu ilmoo nama na baasiftee?” jettee osuu boochuu isa Beenyaan “Raawwadhu Biqiltuu” jedhee fi yeroo Margaa mar’umaan isaa keessa waraantu yaadattee, lafatti of rukutte. Jecha Margaa isa “Biqiltuu, ka’i! Ka’i bakka kanaa deemnaa… Har’a baay’een sodaataa jiraa” jedhu yaadatte.

Of arrabsite, dhalachuu isheetti gaabbite. “Tarii yoona ni du’aa laata? Silas karraa hafaa? Harkakoo eenyu narraa kutaa maaloo? Maal godhee of ajjeesuu? Ani jiraachuu hin qabu!! Wayyooka? Eessan dhaqa? Maaltus na fala?” ofiin jetti.

Manni murtii fi waajirri Poolisii qorannoosaa itti fufe. Faanoseen eenyu kan jedhus irra deddeebi’anii na gaafaatanii ani deebisuufii didus isaan nama Faanosee jedhamtu argachuuf baay’ee dhama’uu eegalan. Anaanis ragaawwan narratti dhiyaachuu eegalan. Waraqaan eenyummaa koo bakka reeffi Margaa itti kufee turee argamuun dhugaadha, raga tokkoffaa… Guyyaa gaafasii yeroo dhumaaf bilbila isaarratti kan bilbile ana (Akkan an bilbilee surprise godhu raga kanaaf barbaadan, Biqiltuun kanaaf bilbila cufi jetteen Margaan), ragaa lammaffaadha. Kanaanis manni murtii sadarkaa shakkamtummaa kiyyarraa gara yakkamaatti na jijjiire. Guyyaa murteen eeggachuu itti fufe.

Kanuma gidduutti Biqiltuun waa tokko murteessite. Lubbuu namaa baasanii jireenya boqonnaa qabu jiraachuun akka hin danda’amne ni hubatte. Qaama seeraa jalaa gara kamittuu baqatanii bahuun akka hin danda’amnes ni qalbifatte.

“Kanaaf….” jette. “Anillee baqadhee bahu, Waraabessi nama nyaatu sun fayyaa bahuu hin qabu; gatiisa argachuu qaba. Kanaaf hoo maal gochuun qaba? Dhugaa jiru qaama seeraa beeksisee harka koo seeratti kennachuu?” ofiin jette.

Jireenyaaf waan garaa kutatte fakkaata. Jireenya ofii tottolfachuuf jireenya nama balleessuun akka nama hin milkeessine hubatte. Jaalala dhugaa balfuun gatii akka nama baasisu qalbifatte. Jaalalii sadarkaan, aangoon, qabeenyaan, bifaan…. Akka hin murtoofne of hubachiifte. “Amma gara qaama seeraa haa deemu dhugaa jirus himee haa boqodhu” ofiin jette.
Akkuma jettes ni goote; gara waajira poolisii Aanaa Haramaya deemtee raga baate; ofiisheetiifis to’annoo seeraa jala oolte.

Dr. Beenyaan akkuma konkolaataa isaa konkolaachisaa dhufee balbala biiroosaa fuuldura gaheen waan baay’ee nama rifachiisu tokko arge. Uummata bal’aa fi qaama poolisii biiroosaa fuulduratti walgahee jiru, gara isattis ija babaasee kan eegu… Dr. Beenyaan akkuma kana argeen ariifatee karaa irra dhuferra deebi’uuf konkolaataa isaa naanneffatee konkolaachisuu eegale. Osuu meetira shan hin deemiin garuu waan raajiitu uumame.

Durumayyuu Poolisoonni duubarraan isa hordofaa turan. Konkolaataa isaa dhaabees gadi bu’e. Poolisoonnis konkolaataa keessaa bu’anii gara isaatti fiigan. Akkuma bira gahaniinis, “Qabattoo fi hidhaa kophee kee ofirraa baasii harka keetti qabadhu; daayi!” jedhaniin. Dr. Beenyaan to’annoo jala seene…

Qorannoon guutuun ni taasifame. Ani yakkarraa bilisa ta’uun koo naaf rageeffame. Dr. Beenyaan yakkaawwan kiraasassaabdumman kanaan dura hojjetaa ture, itti gaafatama fudhatee Biqiltuu yakka hojjechiisuu fi Yakka jalaa bilisa of godhee nama biraa yakkuuf yaaluu isaatiin Hidhaan cimaa waggaa 25 itti murteeffame. Biqiltuuttis hidhaan waggaa 10 itti murteeffame.

Ani mana hidhaatii nan hiikame… Anii fi Faanoseen du’a hiriyaa keenya Margaa mana kiyya isa Baateetti gaddaan waliin dabarsine. Hiriyaa koo yaadachuuf walaloon ani gaafas barreesse akkas jedha:

Hiriyaan gaaddisa, qolataa gaafa falaa
Kan aarsaa namaaf ta’u kan akka keetii jiraa?
Jaalala dhugaaf jedhee kan du’a hin sodaanne
Maal na dhibe jedhee, kan dugda hin laatne
Kan booree hiriyaasaaf garaansaa ciniinnatu
Jaalala hirriyummaan kan sagal biriifatu
Margaa akkam siif ta’u? Margaa, eessaa si fidu?
Tabba isa kam koree, boolla kamoo siif lixu?
Booreenkee narraa hin bane, aarsaa kee hin kafalle
Kun si mudata jedhee takkaa yaadee hin abballe
Koodee koo naga ta’i, biyyoon sitti haa salphatu
Roorroo harki uumemmoo ni deebisa harkatu!!

Waggaa tokkoon boodas barumsa kiyyatti nan deebi’e. Anii fi Faanosen jaalala keenyaan barumsa keenya itti fufne.

XUMURAME!


Dubbiftanii? Jaalattanii? Maarree namoota jaalattaniif Facebook, Twitter, Telegram fi Linkedin irratti qoodaafii! Yaada qabdanis bakka Comment jedhu irratti nuuf barreessaa! Galatoomaa!

Share

2 thoughts on “Hiriyaa – Asoosama”

  1. Nemomsa Debisa

    Mr Ifargan tattaaffii yeroo hundumaa taasiftuuf baay’een si dinqisiifadha. Ammammoo bifa kanaan nama hundumaa bira gahuu akka danda’utti Asoosama website dhiyeessuunkee daran akkan si dinqisiifadhau na godha. Galatoomi! Ati fakkeenya gaarii dhaloota kanaaf nama ta’udha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Language
Scroll to Top